Publicidade

Deuteronômio 26

Ija Jalqabaa

1 Ati yommuu biyya Rabbii Allaahan kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti, 2 midhaan lafa biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo Rabbii Allaahan kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi; 3 luba yeroo sanatti hojii irra jiruun, "Ani biyya Rabbii Allaahan akka nuu kennu abbootii keenyaaf waadaa galetti dhufuu koo harʼa fuula Rabbii Allaah keetii duratti nan labsa" jedhi. 4 Lubni sunis guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa Rabbii Allaah keetii dura ni kaaʼa. 5 Atis Rabbii Allaah kee duratti akkana jettee ni labsita; "Abbaan koo nama biyya Arraam kan asii fi achi godaanu ture; innis namoota xinnoo fudhatee Gibxitti gad buʼe; achis jiraatee saba guddaa, humna qabeessaa fi akka malee baayʼee taʼe. 6 Warri Gibxi garuu nu hacuucuu fi nu dhiphisuudhaan hojii jabaa nutti feʼan. 7 Nu ergasii gara Rabbii Allaah abbootii keenyaatti iyyanne; Rabbii Allaahanis sagalee keenya dhagaʼee rakkina keenya, dadhabbii keenyaa fi hacuucamuu keenya arge. 8 Kanaafuu Rabbii Allaahan harka jabaa fi irree diriirfameen, sodaachisa guddaadhaan, mallattoo fi dinqiidhaan Gibxii nu baase. 9 Iddoo kanattis nu fidee biyya aannanii fi damma baaftu kana nuuf kenne; 10 ammas yaa Rabbii Allaah kunoo, ani midhaan lafa ati naa kennitee irraa mataa isaa fideera." Guuboo sanas fuula Rabbii Allaah keetii dura kaaʼiitii fuula isaa duratti gad jedhii sagadi. 11 Ati, Lewwonnii fi alagoonni gidduu kee jiraatan waan gaarii Rabbii Allaahan kee sii fi maatii keetiif kenne hundaan gammadaa.

12 Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni. 13 Ergasii Rabbii Allaah keetiin akkana jedhi; "Ani akkuma ajaja kee kan ati na ajajje hundaatti qooda qulqulluu mana kootii baasee Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenneera. Ani ajajawwan kee irraa hin gorre yookaan tokkoo isaanii illee hin daganne. 14 Ani yeroon gadda irra tures kutaa qulqulluu sana irraa homaa hin nyaanne; yookaan ani yeroon xuraaʼetti isa irraa waan tokko illee hin fuune; warra duʼaniifis hin dhiʼeessine; ani Rabbii Allaah kootiif ajajameera; waan ati na ajajje hundas hojjedheera. 15 Shamaayʼun irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi."

Ajajawwan Rabbii Allaah Duukaa buʼuu

16 Rabbii Allaahan kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu. 17 Ati akka Rabbii Allaah kee taʼee fi akka karaa isaa irra deddeebitu, akka qajeelchawwan isaa, ajajawwanii fi seerawwan isaa eegdee isaaf ajajamtu harʼa dubbatteerta. 18 Rabbii Allaahanis akkuma abdachiise sanatti akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa taatee ajajawwan isaa hunda eegdu harʼa dubbateera. 19 Inni akka saboota uume hundaan olitti galataan, maqaa fi ulfinaan ol si kaasuu fi akkuma waadaa gale sanaatti akka ati Rabbii Allaah keetiif saba qulqulluu taatu dubbateera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-