Publicidade

Deuteronômio 31

Yushuʼaan Iddoo Muusaa Buʼuu Isaa

1 Ergasiis Muusaan dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate: 2 "Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. Rabbii Allaahan, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera. 3 Rabbii Allaahan kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma Rabbii Allaahan jedhetti, Yushuʼaanis si dura ni ceʼa. 4 Rabbii Allaahan akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa. 5 Rabbii Allaahan dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu. 6 Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."

7 Kana irratti Muusaan Yushuʼaa ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; "Ati sababii biyya Rabbii Allaahan isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi. 8 Rabbii Allaahan mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Seera Dubbisuu

9 Muusaanis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu Rabbii Allaah baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne. 10 Ergasiis Muusaan akkana jedhee isaan ajaje; "Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti, 11 yommuu Israaʼel hundi fuula Rabbii Allaah keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta. 12 Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii Rabbii Allaah kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi. 13 Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi Rabbii Allaah isaanii sodaachuu barachuu qabu."

Israaʼel Ni Fincila

14 Rabbii Allaahan Muusaadhaan, "Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Yushuʼaa waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa" jedhe. Muusaa fi Yushuʼaanis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan.

15 Rabbii Allaahan utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate. 16 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqeffatamtoota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu. 17 Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Allaahan keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu. 18 Waan isaan gara waaqeffatamtoota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha.

19 "Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi. 20 Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqeffatamtoota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu. 21 Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii." 22 Kanaafuu Muusaan gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise.

23 Rabbii Allaahanis Yushuʼaa ilma Nuunitiif ajaja, "Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa" jedhu kenne.

24 Muusaan erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee, 25 Lewwota taabota kakuu Rabbii Allaah baataniif ajaja kana kenne: 26 "Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu Rabbii Allaah keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf. 27 Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu Rabbii Allaahatti finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree! 28 Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf shamaayʼunii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa. 29 Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii."

Faarfannaa Muusaa

30 Muusaanis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise:

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-