1 Yommuu eebbii fi abaarsi ani fuula kee dura kaaʼe kun hundi si argatee ati saboota Rabbii Allaahan kee keessatti si bittinneessu hunda gidduu jiraatutti yoo ati waan sana yaadattu, 2 yommuu atii fi ijoolleen kee gara Rabbii Allaah keetiitti deebitanii akkuma waan ani harʼa isin ajaju hundaatti garaa keessanii fi lubbuu keessan guutuudhaan isaaf ajajamtan, 3 Rabbii Allaahan kee boojuu kee siif deebisee garaa siif laafuudhaan saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse hunda keessaa deebisee walitti si qaba. 4 Yoo ati shamaayʼun jalatti lafa akka malee fagootti geeffamtee jiraatte illee Rabbii Allaahan kee walitti si qaba; deebisees si fida. 5 Inni biyya abbootii keetiitti si galcha; atis ni dhaalta. Inni abbootii kee caalaa si sooromsa; akka malee si baayʼisas. 6 Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf Rabbii Allaahan kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba. 7 Rabbii Allaahan kee abaarsa kana hunda warra si jibbanii si rakkisan irra ni kaaʼa. 8 Atis deebitee Rabbii Allaahaf ni ajajamta; ajaja isaa kanneen ani harʼa si ajaju hundas ni eegda. 9 Ergasiis Rabbii Allaahan kee hojii harka keetii hundaa fi ijoollee gudeeda keetii baʼaniin, jabboota keetii fi midhaan lafa qotiisaa keetiitiin si sooromsa. Rabbii Allaahan akkuma abbootii keetti gammade sana sittis gammadee si sooromsa; 10 kunis yoo ati Rabbii Allaah keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara Rabbii Allaah keetiitti deebite taʼa.
11 Wanni ani harʼa si ajaju kun rakkisaa yookaan kan sirraa fagaate miti. 12 Akka ati, "Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu gara shamaayʼuniitti ol baʼee fidee nutti hima?" jettee hin gaafanneef inni ol shamaayʼun gubbaa hin jiru. 13 Yookaan akka ati, "Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu galaana ceʼee fidee nutti hima?" jettee hin gaafanneef inni galaana gama hin jiru. 14 Dubbiin sun garuu baayʼee sitti dhiʼoo jira; akka ati isa eegduufis inni afaan keetii fi garaa kee keessa jira.
15 Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera. 16 Ani akka ati Rabbii Allaah kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Rabbii Allaahan kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.
17 Garuu yoo yaadni kee karaa irraa jalʼatee ati ajajamuu baatte, yoo ati waaqeffatamtoota kaan waaqeffachuu fi isaan tajaajiluuf jettee fudhatamte, 18 ani akka isin dhugumaan baddan harʼa isinittin hima. Isin Yordaanosin ceetanii biyya itti galtanii dhaaltan keessas bara dheeraa hin jiraattan.
19 Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa shamaayʼunii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu; 20 kunis akka ati Rabbii Allaah kee jaallatuuf, akka dubbii isaa dhageessee isatti maxxantee jiraattuuf. Rabbii Allaahan sababii jireenya kee taʼeef, biyya abbootii kee Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif kennuuf kakateef sana keessatti bara dheeraa siif kenna.