1 Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Rabbii Allaahan abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa. 2 Ajaja Rabbii Allaah keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
3 Isin waan Rabbii Allaahan Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Rabbii Allaahan keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera; 4 isin warri Rabbii Allaah keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
5 Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Rabbii Allaahan koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera. 6 Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, "Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha" jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa. 7 Sabni guddaan akka yeroo nu Rabbii Allaah keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqeffatamtoonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami? 8 Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
9 Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi. 10 Gaafa isin Kooreebitti fuula Rabbii Allaah keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, "Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi" naan jedhe sana yaadadhaa. 11 Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu shamaayʼuniitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan. 12 Ergasiis Rabbii Allaahan ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture. 13 Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse. 14 Rabbii Allaahanis yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
15 Gaafa Rabbii Allaahan Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa; 16 kunis akka isin hin xuroofne, akka waaqeffatamaa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne 17 yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira shamaayʼun keessa barrisu kam iyyuu 18 yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef. 19 Ati yommuu shamaayʼun ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa shamaayʼun hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Rabbii Allaahan kee saboota shamaayʼuniidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin. 20 Rabbii Allaahan garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
21 Rabbii Allaahanis sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Rabbii Allaahan keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate. 22 Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu. 23 Akka kakuu Rabbii Allaahan keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqeffatamtoota tolfamoo Rabbii Allaahan keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa. 24 Rabbii Allaahan keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Allaah hinaafudhas.
25 Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqeffatamtoota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Rabbii Allaah keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan, 26 akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa shamaayʼunii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu. 27 Rabbii Allaahanis saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Rabbii Allaahan isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu. 28 Isinis achitti waaqeffatamtoota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu. 29 Garuu yoo achittis Rabbii Allaah keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu. 30 Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Rabbii Allaah keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta. 31 Rabbii Allaahan kee Allaah araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
32 Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Allaahan lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii shamaayʼun tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa? 33 Sabni akka keessan sagalee Allaaha kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa? 34 Allaahan kam iyyuu takkumaa akka Rabbii Allaahan keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
35 Isinis Rabbii Allaah taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru. 36 Inni si adabachuuf jedhee shamaayʼuniidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse. 37 Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide; 38 kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
39 Harʼa akka Rabbii Allaahan ol shamaayʼun gubbaatti, gad lafa irrattis Allaah taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru. 40 Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Rabbii Allaahan kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
41 Yeroo sanatti Muusaan magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate; 42 kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa. 43 Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
44 Kun Seera Muusaan Israaʼeloota dura kaaʼee dha. 45 Qajeelchi, ajajnii fi seerri Muusaan yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha; 46 kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Muusaa fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti. 47 Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan. 48 Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata; 49 innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.