Publicidade

Eclesiastes 11

Buddeena Bishaan Irraa

1 Buddeena kee bishaan gubbaa buusi;

guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.

2 Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi;

balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.

3 Duumessi yoo bishaaniin guutame,

bokkaa lafatti gad dhangalaasa.

Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige,

idduma itti kufe sana ciisa.

4 Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu;

kan duumessa ilaallatus hin haammatu.

5 Ati akkuma daandii bubbee,

yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana,

hojii Allaaha, Uumaa waan hundaa sana illee

beekuu hin dandeessu.

6 Inni kun yookaan inni sun,

yookaan lachanuu wal qixxee tolu;

inni kam akka tolu hin beektuutii;

ati sanyii kee ganamaan facaafadhu;

galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.

Dargaggummaatti Uumaa kee Yaadadhu

7 Ifni miʼaawaa dha;

aduu arguunis ija gammachiisa.

8 Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee,

inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu.

Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu;

isaan ni baayʼatuutii.

Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.

9 Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;

bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.

Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;

garuu akka Allaahan waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.

10 Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;

sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef

dhagna kee keessaa hammina baasii gati.

Veja também

Publicidade
Eclesiastes
Ver todos os capítulos de Eclesiastes
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-