Publicidade

Eclesiastes 8

1 Kan akka nama ogeessaa eenyu?

Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka?

Ogummaan fuula namaa ibsa;

nyaara guurames ni hiika.

Mootiif Ajajami

2 Ati sababii fuula Allaaha duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi. 3 Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii. 4 Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, "Ati maal hojjechaa jirta?" isaan jechuu dandaʼa?

5 Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu;

qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka.

6 Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu

wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii.

7 Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef,

eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa?

8 Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu;

kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu.

Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana,

hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.

9 Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira. 10 Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan qabbaraman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.

11 Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama. 12 Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Allaah sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka. 13 Taʼus hamoonni sababii Allaah hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.

14 Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha. 15 Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Allaahan aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.

16 Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti, 17 waan Allaahan hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.

Veja também

Publicidade
Eclesiastes
Ver todos os capítulos de Eclesiastes
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-