Publicidade

Eclesiastes 5

Allaah Sodaadhu

1 Ati yeroo gara mana Allaaha dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii.

2 Fuula Allaaha duratti waan tokko dubbachuuf

afaan keetiin hin jarjarin;

garaan kees hin ariifatin.

Allaahan shamaayʼun keessa jira;

ati immoo lafa irra jirta;

kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.

3 Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas

baayʼina dubbiitiin beekama.

4 Ati yeroo wareega tokko Allaahaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi. 5 Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya. 6 Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Malaʼikkaa mana qulqullummaatiinis, "Wareegni koo dogoggora ture" hin jedhin. Allaahan maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa? 7 Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Allaah sodaadhu.

Badhaadhummaan Faayidaa Hin qabu

8 Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru. 9 Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama.

10 Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu;

nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu.

Kunis faayidaa hin qabu.

11 Akkuma qabeenyi baayʼatuun,

warri nyaatanis ni baayʼatu.

Yoos abbootiin qabeenyaa

ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree?

12 Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu,

hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha;

baayʼinni qabeenyaa garuu

sooressa tokko hirriba dhowwa.

13 Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis:

qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame,

14 yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee

yeroo namichi sun ilma dhalchetti

ilma isaatiif homaa hin hafinii dha.

15 Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa;

inni akkuma dhufetti deebiʼee deema.

Inni waan itti dadhabe keessaa

waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.

16 Kunis hammina nama gaddisiisuu dha:

Namni akkuma dhufetti deema;

inni waan bubbeedhaaf dadhabuuf

faayidaa maalii argata?

17 Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo,

dhukkubbii fi aarii guddaadhaan dukkana keessatti nyaata.

18 Anis akka namni bara jireenya isaa kan Allaahan isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii. 19 Akkasumas Allaahan nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Allaaha ti. 20 Sababii Allaahan garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu.

Veja também

Publicidade
Eclesiastes
Ver todos os capítulos de Eclesiastes
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-