Publicidade

Eclesiastes 6

1 Ani aduudhaa gaditti waan hamaa biraa argeera; kunis akka malee namatti ulfaata: 2 Allaahan akka namni waan garaa isaatti hawwu tokko iyyuu hin dhabneef qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina isaaf kenne; Allaahan garuu akka inni itti gammadu hin goone; qooda namichaa nama ormaatu itti gammada. Kun waan faayidaa hin qabnee dha; hammina nama gaddisiisuudhas.

3 Namni tokko ijoollee dhibba qabaatee waggoota baayʼee jiraachuu dandaʼa; inni hamma fedhe jiraatu illee yoo qabeenya isaatti gammaduu baatee qabrii gaariis argachuu baate, ani, "Isaa mannaa gatata wayya" nan jedha. 4 Inni akkasumaan dhufa; dukkana keessa bada; maqaan isaas dukkanaan haguugama. 5 Inni yoo aduu arguu baate iyyuu yookaan yoo homaa beekuu baate iyyuu boqonnaa namichi sun argatu caalaa boqonnaa qabaata. 6 Inni waggaa kuma yeroo lama jiraatu illee yoo jireenya gaarii hin jiraatin, namni hundi idduma tokko dhaqa mitii?

7 Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif;

fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu.

8 Ogeessi maaliin gowwaa caala?

Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan

faayidaa maalii argata?

9 Hawwiidhaan jooruu mannaa waan iji argu wayya.

Kunis bubbee ariʼuu malee faayidaa hin qabu.

10 Waan jiru hundaaf duraanuu maqaan baʼeera;

maalummaan namaas beekamaa dha;

namni tokko iyyuu nama isa caalaa humna qabuun

morkachuu hin dandaʼu.

11 Dubbiin akkuma baayʼatuun faayidaa dhaba;

yoos wanni sun akkamiin nama kam iyyuu fayyada?

12 Bara jireenya namaa kan inni akkuma gaaddisaatti keessa baʼee darbu gabaabaa faayidaa hin qabne kana keessa eenyutu waan namaaf gaarii taʼe beeka? Waan erga inni deemee booddee aduudhaa gaditti taʼus eenyutu isatti himuu dandaʼa?

Veja também

Publicidade
Eclesiastes
Ver todos os capítulos de Eclesiastes
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-