Publicidade

2 Reis 23

Yosiyaas Kakuu Haaromsuu Isaa

1 Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame. 2 Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi nabiiʼiyyoota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef. 3 Mootichis utubaa bira dhaabatee akka Rabbii Allaah duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula Rabbii Allaah duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse.

4 Mootichis akka isaan miʼoota Baʼaaliif, Asheeraadhaa fi raayyaawwan shamaayʼuniitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessaa baasaniif Hilqiyaa lubicha ol aanaa, luboota sadarkaan isatti aananii fi eegdota balbalaa ajaje. Innis miʼoota sana Yerusaalem keessaa baasee dirree Sulula Qeedroon irratti gube; daaraa isaas fuudhee Beetʼeelitti geesse. 5 Luboota waaqeffatamtoota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan shamaayʼun hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse. 6 Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa qabrii namootaa irratti firfirse. 7 Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.

8 Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Yushuʼaa bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige. 9 Luboonni iddoowwan sagadaa kunneen yoo iddoo aarsaa Rabbii Allaah kan Yerusaalem keessaa irra tajaajiluu baatan illee isaan luboota akka isaanii wajjin Maxinoo nyaatan ture.

10 Innis akka namni tokko iyyuu ilma isaa yookaan intala isaa aarsaa godhee ibiddaan Moolekiif hin dhiʼeessineef Toofeti kan Sulula Ben Hinoom keessatti argamu sana ni xureesse. 11 Akkasumas fardeen mootonni Yihuudaa aduudhaaf kennan sana balbala mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti geessu irraa fuudhee ni balleesse. Fardeen sun oobdii kutaa mana Naataan-Meelek qondaaltichaa biraa keessa turan. Ergasiis Yosiyaas gaariiwwan aduu sana ibiddaan ni gube.

12 Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate. 13 Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Suleyimaan mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqeffatamtuu xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqeffatamaa tolfamaa xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqeffatamaa tolfamaa xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse. 14 Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute.

15 Akkasumas iddoo aarsaa Beetʼeel keessa ture sanaa fi iddoo sagadaa kan Yerobiʼaam ilmi Nebaat inni Israaʼelin cubbuu hojjechiise sun ijaare iddoo aarsaa sanaa fi iddoo sagadaa ni diige. Iddoo sagadaa sanas caccabsee, daakee bulleesse; siidaa Aasheeraas ni gube. 16 Yosiyaasis of irra garagalee qabriiwwan tulluu irra jiran achitti arge; nama ergees qabriiwwan sana keessaa lafeewwan fichisiisee akkuma dubbii Rabbii Allaah kan namni Allaaha inni duraan dursee waan kana dubbate sun labsetti iddoo aarsaa irratti gubee isa xureesse.

17 Mootichi, "Dhagaan qabrii kan ani arguutti jiru kun maal?" jedhee ni gaafate.

Namoonni magaalaa sanaa immoo, "Inni qabrii nama Allaaha kan Yihuudaadhaa dhufee waanuma ati iddoo aarsaa Beetʼeel goote kana duraan dursee labse sanaa ti" jedhan.

18 Innis, "Isa dhiisaa; namni tokko iyyuu lafee isaa hin tuqin" jedhe. Kanaafuu isaan lafee isaattii fi lafee nabiiʼiyyicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa illee ni dhiisan.

19 Yosiyaas akkuma Beetʼeelitti godhe sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa kanneen mootonni Israaʼel magaalaawwan Samaariyaa keessatti ijaaranii Rabbii Allaah dheekkamsaaf kakaasan sana hunda ni diige. 20 Innis luboota iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda iddoowwan aarsaa irratti qalee lafee namaas achuma irratti ni gube. Ergasiis gara Yerusaalemitti ni deebiʼe.

21 Mootichis, "Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti Rabbii Allaah keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa" jedhee saba hunda ajaje. 22 Bara abbootii murtii kanneen Israaʼelin bulchaa turaniitii jalqabee yookaan bara mootota Israaʼel hunda keessa yookaan Yihuudaa keessa Faasiikaan akkasii takkumaa ayyaaneffamee hin beeku. 23 Garuu bara Yosiyaas mootichaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Faasiikaan kun Yerusaalemitti Rabbii Allaahaf ayyaaneffamaa ture.

24 Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqeffatamtoota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe. 25 Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Muusaa hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara Rabbii Allaahatti deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne.

26 Taʼus sababii Minaaseen waan hojjete hundaan dheekkamsaaf isa kakaaseef Rabbii Allaahan dheekkamsa isaa guddaa fi sodaachisaa Yihuudaa irratti bobaʼe sana irraa hin deebine. 27 Kanaafuu Rabbii Allaahan, "Ani akkuma Israaʼelin balleesse sana Yihuudaas fuula koo duraa nan balleessa; Yerusaalem magaalaa ani filadheef mana qulqullummaa kan ani, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa" jedhe.

28 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?

29 Bara Yosiyaas mootii turetti, Faraʼoon Nekkoon mootichi Gibxi mootii Asoor gargaaruuf jedhee gara Laga Efraaxiisitti ol baʼe. Yosiyaas mootichis of irraa isa ittisuudhaaf itti gad baʼe. Nekkoon garuu isatti dhufee Megidootti isa ajjeese. 30 Garboonni Yosiyaasis gaariidhaan Megidoodhaa gara Yerusaalemitti reeffa isaa fidanii qabrii isaa keessatti isa qabbaran. Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii dibanii iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.

Yoʼaks Mooticha Yihuudaa

31 Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte. 32 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. 33 Akka inni Yerusaalem keessa taaʼee hin bulchineef Faraʼoon Nekkoon Hamaati keessatti Riiblaati foncaan isa hidhee Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure. 34 Faraʼoon Nekkoon Eliiyaaqiim ilma Yosiyaas mootichaa iddoo Yosiyaas iddoo abbaa isaa buusee mootii godhe; maqaa Eliiyaaqiimis geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Yehooʼaahaazin garuu fuudhee Gibxitti geesse; innis achitti duʼe. 35 Yehooyaaqiimis meetii fi warqee Faraʼoon Nekkoon gaafate sana ni baase. Waan kana baasuufis gibira biyyatti muree namoota biyyattii irraa akkuma galii isaaniitti meetii fi warqee walitti qabe.

Yehooyaaqiim Mooticha Yihuudaa

36 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Zebuudaa ture; isheenis intala Phedaayaa kan magaalaa Ruumaatii dhufte turte. 37 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-