Publicidade

2 Reis 15

Azaariyaa Mooticha Yihuudaa

1 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. 3 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa ni hojjete. 4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.

5 Rabbii Allaahanis hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.

6 Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 7 Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawud keessatti ni qabbarame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Zakariyaa Mooticha Israaʼel

8 Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakariyaa ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche. 9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraa hin deebine.

10 Shaluum ilmi Yaabeesh sun Zakariyaatti kaʼee fuuluma sabaa duratti isa ajjeesee iddoo isaa qabatee mootii taʼe. 11 Wantoonni bara mootummaa Zakariyaa keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 12 Akkasiinis dubbiin Rabbii Allaah kan inni "Sanyiiwwan kee hamma dhaloota Afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu" jedhee Yehuutti dubbate sun ni raawwatame.

Shaluum Mooticha Israaʼel

13 Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche. 14 Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

15 Wantoonni bara mootummaa Shaluum keessa hojjetaman biraatii fi fincilli inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.

16 Yeroo sanatti, Menaaheem Tiirzaa kaʼee Tiifsaa fi warra magaalaa sana keessaa fi naannoo ishee jiraatu hunda dhaʼe; kunis sababii isaan karra banuufii didaniif. Innis Tiifsaa saamee dubartoota ulfa qaban hunda garaa baqaqse.

Menaaheem Mooticha Israaʼel

17 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche. 18 Innis fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. Bara biyya bulchaa ture guutuus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.

19 Ergasiis Phuuli mootichi Asoor biyyattiitti ni duule; Menaaheem immoo akka gargaarsa isaa argate aangoo ofii isaa jalatti mootummaa turfatuuf meetii taalaantii kuma tokko kenneef. 20 Menaaheem maallaqa kana warruma Israaʼel baasise. Akka mootii Asooriif kennamuuf namni sooressi kam iyyuu meetii saqilii shantama baasuu qaba. Kanaafuu mootiin Asoor duubatti deebiʼee malee ergasii biyyattii keessa hin turre.

21 Wanni bara mootummaa Menaaheem keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjete hundis kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? 22 Menaaheemis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Pheqaayaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Pheqaayaan Mooticha Israaʼel

23 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche. 24 Pheqaayaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine. 25 Ajajjoota isaa ol aantota keessaa Pheqaan ilmi Remaaliyaa isatti malate. Innis namoota Giliʼaad keessaa nama shantama fudhatee fiixee masaraa mootummaa kan Samaariyaa keessaa irratti Pheqaayaa, Argobbii fi Ariyyee ajjeese. Pheqaanis akkasiin Pheqaayaa ajjeesee iddoo isaa mootii taʼe.

26 Wanni bara mootummaa Pheqaayaa keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?

Pheqaa Mooticha Israaʼel

27 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche. 28 Innis fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. Cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.

29 Bara Pheqaa mooticha Israaʼel keessa Tiiglaat Phileeser mootichi Asoor dhufee Iiyoon, Abeel Beet Maʼaakaa, Yaanoʼaa, Qaadeshii fi Haazoor, Giliʼaadii fi Galiilaa, biyya Niftaalem hundas walumatti qabatee namootas guuree Asooritti geesse. 30 Ergasiis Hoosheeʼaa ilmi Eelaa, Pheqaa ilma Remaaliyaatti malate. Innis lolee isa ajjeesee bara mootummaa Yootaam ilma Uziyaan keessaa waggaa digdammaffaatti iddoo isaa mootii taʼe.

31 Wanni bara mootummaa Pheqaa keessa hojjetame biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?

Yootaam Mooticha Yihuudaa

32 Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. 33 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. 34 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa ni hojjete. 35 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa Rabbii Allaah kan Ol aanu deebisee ijaare.

36 Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? 37 Bara sana keessa Rabbii Allaahan Reziin mooticha Sooriyaatii fi Pheqaa ilma Remaaliyaa Yihuudaatti kakaasuu jalqabe. 38 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawud, magaalaa abbaa isaa keessatti isaanuma biratti ni qabbarame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_09-43-29-