1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Rabbii Allaah seene. 2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas nabiiʼiyyicha ilma Amoos sanatti erge. 3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; "Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti. 4 Rabbii Allaahan kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Allaah jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii Rabbii Allaahan kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif duʼaa godhi."
5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti, 6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; "Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin. 7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ "
8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge; 10 "Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Allaahan ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin. 11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree? 12 Waaqeffatamtoonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqeffatamtoonni Goozaan, waaqeffatamtoonni Kaaraan, waaqeffatamtoonni Rezefii fi waaqeffatamtoonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu? 13 Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?"
14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ol baʼee xalayaa sana fuula Rabbii Allaah duratti diriirse. 15 Hisqiyaas akkana jedhee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe; "Rabbii Allaah, Allaah Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Allaaha. Ati shamaayʼunii fi lafa uumteerta. 16 Rabbii Allaah, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Rabbii Allaah ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Allaah jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu.
17 "Rabbii Allaah mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. 18 Isaan waaqeffatamtoota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqeffatamtoonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqeffatamtoota hin turreetii. 19 Kanaafuu yaa Rabbii Allaah keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Rabbii Allaah, akka ati qofti Allaah taate beekaniif harka isaatii nu baasi."
20 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ani duʼaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor duʼaa goote sana dhagaʼeera. 21 Dubbiin Rabbii Allaahan isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha:
" ‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin
si tuffattee sitti qoosti.
Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti
mataa ishee sitti raafti.
22 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu?
Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee
of tuulummaadhaan ija ol qabatte?
Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
23 Ati karaa ergamoota keetiitiin
Gooftaatti qoosteerta.
Ati akkanas jetteerta;
"Ani gaariiwwan koo hedduudhaan
fiixee tulluuwwaniitti,
fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera.
Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo,
gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera.
Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo,
bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera.
24 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee
achitti bishaan dhugeera.
Ani faana miilla kootiin
lageen biyya Gibxi hunda gogseera."
25 " ‘Ati waan kana hin dhageenyee?
Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete.
Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe;
amma immoo hojii irra oolfadheera;
kunis akka ati magaalaawwan
dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha.
26 Namoonni isaanii humna dhabanii
abdii kutataniis qaanaʼan.
Isaan akkuma biqiltuu diidaa,
akkuma biqiltuu kichuu tokkoo,
akkuma marga mana gubbaatti biqilu
kan utuu hin guddatin gubatee ti.
27 " ‘Ani garuu lafa ati jirtu,
yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu,
akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
28 Waan ati akka malee natti aartee guggubattee
of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef,
ani hokkoo koo funyaan kee keessa,
luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen
akka ati karuma dhufte sana
deebitu sin godha.’
29 "Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa:
"Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu,
waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu.
Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa;
muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
30 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko
jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
31 Yerusaalem keessaa hambaan tokko,
Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa.
Hinaaffaan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata:
32 "Kanaafuu Rabbii Allaahan waaʼee mooticha Asoor akkana jedha:
" ‘Inni magaalaa kana hin seenu
yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu.
Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu
yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
33 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa;
magaalaa kanas hin seenu,
jedha Rabbii Allaahan.
34 Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawudiif jedhee,
magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’ "
35 Halkanuma sana malaʼikkaan Rabbii Allaah gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture! 36 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
37 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqeffatamaa tolfamaa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.