1 Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Al-Masiihi Iisaa taʼeera.
2 Isin dhugumaan waaʼee hojii ayyaana Allaaha kan isiniif jedhamee natti kenname sanaa dhageessaniirtu; 3 kunis akkuma ani kanaan dura gabaabsee isinii barreessetti icciitii mulʼataatiin natti beeksifame. 4 Isin yommuu waan kana dubbiftanitti akka ani waaʼee icciitii Al-Masiihii beekumsa qabu hubachuu ni dandeessu; 5 icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi nabiiʼiyyoota qulqulloota Allaahatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne. 6 Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa injiilaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Al-Masiihi Iisaadhaan kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti.
7 Anis kennaa ayyaana Allaaha kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa injiila kanaa taʼeera. 8 Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Al-Masiihii kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera; 9 akkasumas icciitiin bara dheeraaf Allaah waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf. 10 Kaayyoon isaas akka ogummaan Allaaha inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen shamaayʼun irra jiranitti beeksifamuuf; 11 kunis akkuma kaayyoo isaa kan bara baraa kan inni karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin raawwate sanaatti ture. 12 Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Allaahatti dhiʼaachuu dandeenya. 13 Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan.
14 Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha; 15 maatiin isaa warri shamaayʼun irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu. 16 Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf duʼaa nan godha; 17 akka Al-Masiihiinis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf duʼaa nan godha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis duʼaa nan godha; 18 isinis jaalalli Al-Masiihii hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, 19 akka guutama Allaaha hundaan guutamtaniifis jaalala Al-Masiihii kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif duʼaa nan godha.
20 Allaah isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf, 21 waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Al-Masiihi Iisaatiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.