Publicidade

Efésios 1

Nagaa Gaafachuu

1 Phaawulos isa fedhii Allaahatiin ergamaa Al-Masiihi Iisaa taʼe irraa,

Gara qulqulloota Efesoon jiraatan kanneen Al-Masiihi Iisaatti amanamoo taʼanitti:

2 Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha irraa ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.

Galata Sababii Eebba Al-Masiihiin Argamuu

3 Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii inni karaa Al-Masiihiitiin eebba hafuuraa hundumaan shamaayʼun irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. 4 Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis 5 akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Iisaa Al-Masiihiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; 6 kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf. 7 Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Allaahatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra; 8 ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise. 9 Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Al-Masiihiin karoorfate sana beeknu godhe; 10 yaadni isaas yeroo barri murtaaʼe sun guutuutti wantoota shamaayʼun keessaa fi lafa irra jiran hunda Al-Masiihii jalatti walitti qabuuf jedhee ti.

11 Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Al-Masiihiin dhaala arganneerra; 12 kunis akka nu warri Al-Masiihii abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf. 13 Isinis dubbii dhugaa jechuunis injiila fayyina keessanii dhageessanii Al-Masiihitti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; 14 innis warri kan Allaah taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.

Galateeffachuu fi Duʼaa gochuu

15 Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Iisaatti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee 16 duʼaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne. 17 Allaahan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha. 18 Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Allaah duratti duʼaa nan godha; 19 akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa 20 kan inni ittiin Al-Masiihii warra duʼan keessaa kaasee shamaayʼun irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha; 21 isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. 22 Allaahanis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne; 23 waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.

Veja também

Publicidade
Efésios
Ver todos os capítulos de Efésios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-