Publicidade

Efésios 4

Dhagna Al-Masiihii Keessatti Tokko Taʼuu

1 Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha. 2 Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa. 3 Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa. 4 Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira; 5 Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; 6 Allaaha fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira.

7 Garuu akkuma safara kennaa Al-Masiihiitti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera. 8 Kanaafuu,

"Inni yommuu ol gubbaa baʼetti,

boojuu boojiʼe;

namootaafis kennaa kenne" jedha.

9 Egaa, "Inni ol baʼe" jechuun isaa dhidhima lafaatti gad buʼe jechuu malee maal jechuu isaa ti? 10 Inni gad buʼe sun isuma waan hunda guutuuf jedhee shamaayʼuniiwwan hundaa olitti ol baʼee dha. 11 Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan nabiiʼiyyoota, kaan lallabdoota injiilaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne; 12 waan kanas akka dhagni Al-Masiihii ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe; 13 kunis waan hamma hundi keenya tokkummaa amantiitii fi tokkummaa Ilma Allaaha beekuu bira geenyutti, akka guddannee sadarkaa guutama Al-Masiihii bira gaʼuudhaan namoota bilchaatoo taanuuf.

14 Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu. 15 Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Al-Masiihii dha. 16 Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.

Akka Ijoollee Ifaatti Jiraachuu

17 Kanaafuu ani waan kana isinitti nan hima; maqaa Gooftaatiinis jabeessee isinitti nan dubbadha; isin siʼachi akka Namoonni Ormaa warri yaadni isaanii faayidaa hin qabne sun jiraatanitti hin jiraatinaa. 18 Sababii mata jabina isaaniitiinis waan wallaalummaan isaan keessa jiruuf hubannaan isaanii dukkaneeffameera; jireenya Allaaha keessaas baʼaniiru. 19 Isaanis waan qalbiin isaanii hadoodeef hamma xuraaʼummaa gosa hundaa keessa galanitti sassattummaan guutaman.

20 Isin garuu akkasitti Al-Masiihii hin barre; 21 isin dhugumaan akkuma dhugaa Iisaa keessa jiru sanaatti waaʼee Al-Masiihii dhageessanii isumaanis barsiifamtaniirtu. 22 Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; 23 hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; 24 namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Allaahatiin uumame sana uffadhaa.

25 Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu. 26 "Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;" utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin; 27 ibliisiifis carraa hin kenninaa. 28 Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu.

29 Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin. 30 Hafuura Qulqulluu Allaaha kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa. 31 Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu. 32 Akkuma Allaahan karaa Al-Masiihiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

Veja também

Publicidade
Efésios
Ver todos os capítulos de Efésios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-