Publicidade

Efésios 6

Ijoollee fi Warra Isaanii

1 Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. 2 Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; 3 kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

4 Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Garbootaa fi Gooftota

5 Yaa garboota, akkuma Al-Masiihiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa. 6 Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Allaaha raawwachaa akka garboota Al-Masiihiitti isaaniif ajajamaa. 7 Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; 8 sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu.

9 Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun shamaayʼun irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa.

Miʼa Lolaa Kan Allaah

10 Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa. 11 Haxxummaa ibliisiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Allaaha guutuu hidhadhaa. 12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo shamaayʼun keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. 13 Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Allaaha guutuu hidhadhaa. 14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; 15 qophaaʼummaa injiila nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. 16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. 17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Allaaha ti.

18 Duʼaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan duʼaa godhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa duʼaa godhaa. 19 Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii injiilaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis duʼaa godhaa; 20 injiilli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf duʼaa naa godhaa.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

21 Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, Gooftaattis tajaajilaan amanamaan haala ani keessa jiruu fi maal akka ani hojjechaa jiru akka beektaniif waan hundumaa isinitti hima. 22 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni isin jajjabeessuuf, waanuma kanaaf jedhee ani gara keessanitti isa ergeera.

23 Allaah Abbaa fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu.

24 Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.

Veja também

Publicidade
Efésios
Ver todos os capítulos de Efésios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-