Publicidade

Filipenses 1

Nagaa Gaafachuu

1 Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Al-Masiihi Iisaa irraa,

Gara warra karaa Al-Masiihi Iisaatiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti:

2 Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.

Galataa Fi Duʼaa

3 Ani yeroo isin yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha. 4 Ani duʼaa hunda keessaniif godhu keessatti yeroo hunda gammachuun duʼaa nan godha; 5 isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti injiila lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii; 6 inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Al-Masiihi Iisaatti akka raawwatu nan amana.

7 Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan injiilaaf falmuu kootii fi akka injiilli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Allaaha keessatti hirmaatuutii. 8 Akka ani jaalala Al-Masiihi Iisaatiin hammam hunda keessan yaadu Allaahaan dhuga baatu koo ti.

9 Duʼaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, 10 akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Al-Masiihiittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif, 11 akka ulfinaa fi galata Allaahatiifis iji qajeelinaa kan karaa Iisaa Al-Masiihiin argamuun guutamtaniif.

Hidhamuun Phaawulos Injiila Babalʼise

12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan injiila babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. 13 Kanaanis Al-Masiihiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. 14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Allaaha sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.

15 Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Al-Masiihii lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu. 16 Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani injiilaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu. 17 Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Al-Masiihii lallabu. 18 Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Al-Masiihiin lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada.

Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada; 19 akka wanni narra gaʼe kun karaa duʼaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Iisaa Al-Masiihiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii. 20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Al-Masiihiin dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. 21 Anaaf jiraachuun Al-Masiihii dha; duʼuunis buʼaa dha. 22 Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku! 23 Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Al-Masiihii wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii; 24 isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha. 25 Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka. 26 Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Al-Masiihi Iisaatti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.

Jireenya Injiilaaf Malu Jiraachuu

27 Waan fedhe iyyuu taʼu akka injiila Al-Masiihiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii injiilaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka. 28 Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Allaaha ti. 29 Isin akka Al-Masiihitti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii; 30 kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.

Veja também

Publicidade
Filipenses
Ver todos os capítulos de Filipenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-