1 Dhuma irrattis yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa! Ani waanuma kanaan duraa irra deebiʼee isinii barreessuun na hin dhibu; kun isiniif eegumsa. 2 Saroota irraa of eeggadhaa; namoota hammina hojjetan irraa of eeggadhaa; dhagna qabaa sobaa irraas of eeggadhaa. 3 Sababiin isaa nu warri Hafuura Allaahatiin waaqeffannu, warri Al-Masiihi Iisaadhaan of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii; 4 taʼus ani mataan koo amanachuu akkanaatiif sababii qaba.
Namni biraa kam iyyuu foon amanachuuf waan sababii qabu yoo of seʼe, ani immoo isa caalaa qaba: 5 Ani dhaladhee guyyaa saddeettaffaattin dhagna qabadhe; sanyii Israaʼel keessaas gosa Biniyaam irraa dhaladhe; warra Ibrootaa keessaas Ibricha tokkoo dha; akka seeraattis ani Fariisota keessaa tokkoo dha; 6 waaʼee hinaaffaa, ani waldaa kiristaanaa ariʼachaan ture; waaʼee qajeelummaa seera eeguun argamuus ani mudaa hin qabu ture.
7 Garuu waan na fayyadaa ture amma Al-Masiihiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. 8 Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Al-Masiihi Iisaa isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Al-Masiihii argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala; 9 kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Al-Masiihitti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Allaah biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf. 10 Ani Al-Masiihii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada; 11 akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa.
12 Al-Masiihi Iisaan waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti. 13 Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha; 14 badhaasa Allaahan Al-Masiihi Iisaadhaan ol shamaayʼunitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
15 Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Allaahan isinii ibsa. 16 Taʼus waanuma kanaan dura irra geenye sanaan haa jiraannu.
17 Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa. 18 Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Al-Masiihii taʼanii jiraatuutii. 19 Dhumni isaanii badiisa; Allaahan isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama. 20 Nu garuu biyyi keenya shamaayʼun irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Iisaa Al-Masiihi eegganna; 21 innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.