Publicidade

2 Reis 20

Dhukkuba Hisqiyaas

1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos nabiiʼiyyichi gara isaa dhaqee, "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’ " jedheen.

2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Rabbii Allaah duratti duʼaa goote; 3 "Rabbii Allaah, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu." Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.

4 Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara isaa dhufe; 5 "Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Rabbii Allaahan abbaa kee Daawud akkana jedha: Ani duʼaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ol baata. 6 Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawudiif jedhee magaalaa kana nan eega.’ "

7 Kana irratti Isaayyaas, "Maxinoo harbuu tolchaa" jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye.

8 Hisqiyaasis, "Akka Rabbii Allaahan na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?" jedhee Isaayyaasin gaafate.

9 Isaayyaasis akkana jedhee deebise; "Akka Rabbii Allaahan waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon Rabbii Allaahan siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?"

10 Hisqiyaas immoo, "Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi" jedhe.

11 Kana irratti Isaayyaas nabiiʼiyyichi iyyee Rabbii Allaah duratti ni duʼaa godhate; Rabbii Allaahanis akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe.

Ergamoota Baabilon Dhufan

12 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsate dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef. 13 Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.

14 Kana irratti Isaayyaas nabiiʼiyyichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, "Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?" jedhee gaafate.

Hisqiyaasis, "Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan" jedhee deebise.

15 Nabiiʼiyyichi, "Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?" jedhee gaafate.

Hisqiyaas immoo, "Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru" jedheen.

16 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; "Dubbii Rabbii Allaah dhagaʼi: 17 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Rabbii Allaahan. 18 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu."

19 Hisqiyaasis, "Dubbiin Rabbii Allaah kan ati dubbatte kun gaarii dha" jedhee deebise. Inni, "Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraatuu?" jedhee yaadee tureetii.

20 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa, jabinni isaa hundii fi akki inni itti haroo fi ujummoo ittiin bishaan harkisanii gara magaalaatti fidan hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 21 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-