1 Yeroo Rabbii Allaahan bubbeedhaan Iliyaasin gara Shamaayʼuniitti ol fudhachuu gaʼetti Iliyaasii fi Al-yaasaʼaan Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan. 2 Iliyaasis Al-yaasaʼaan, "Ati asuma turi; Rabbii Allaahan Beetʼeelitti na ergeeraatii" jedhe.
Al-yaasaʼaan garuu, "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu" jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan.
3 Ergasiis waldaan nabiiʼiyyootaa kanneen Beetʼeel turan gara Al-yaasaʼaa dhufanii, "Ati akka Rabbii Allaahan harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?" jedhanii ni gaafatan.
Al-yaasaʼaan immoo, "Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa" jedheen.
4 Iliyaasis "Yaa Al-yaasaʼaa, ati asuma turi; Rabbii Allaahan gara Yerikootti na ergeeraatii" jedheen.
Innis, "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu" jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman.
5 Waldaan nabiiʼiyyootaa kanneen Yerikoo turan sun gara Al-yaasaʼaa dhufanii, "Ati akka Rabbii Allaahan harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?" jedhanii gaafatan.
Innis, "Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa" jedheen.
6 Iliyaasis, "Ati asuma turi; Rabbii Allaahan Yordaanositti na ergeeraatii" jedheen.
Innis, "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu" jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman.
7 Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa nabiiʼiyyootaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuullee iddoo isaan ijaajjanii turan sana dhadhaabatan. 8 Iliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan.
9 Iliyaasis erga ceʼanii booddee Al-yaasaʼaan, "Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi" jedhe.
Al-yaasaʼaan immoo, "Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu" jedhee deebiseef.
10 Iliyaas immoo, "Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu" jedheen.
11 Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Iliyaasis bubbeedhaan shamaayʼuniitti ol fudhatame. 12 Al-yaasaʼaan waan kana argee, "Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!" jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Al-yaasaʼaan ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
13 Innis kaabbaa Iliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate. 14 Ergasii kaabbaa Iliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, "Rabbii Allaahan Iliyaas sun amma eessa jira?" jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Al-yaasaʼaanis ni ceʼe.
15 Waldaan nabiiʼiyyootaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, "Hafuurri Iliyaas Al-yaasaʼaa irra buʼuutti jira" jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman. 16 Akkanas jedhaniin; "Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri Rabbii Allaah ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii."
Al-yaasaʼaan immoo, "Akkas miti; isaan hin erginaa" jedhee deebise.
17 Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, "Isaan ergaa" jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban. 18 Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara Al-yaasaʼaa dhufan; innis, "Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?" jedheen.
19 Namoonni magaalaa sanaa Al-yaasaʼaan, "Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu" jedhan.
20 Innis, "Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa" jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
21 Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’ " 22 Bishaan sunis akkuma dubbii Al-yaasaʼaan dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.
23 Ergasii Al-yaasaʼaan kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, "Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!" jedhanii itti qoosan. 24 Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa Rabbii Allaahatiin isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan. 25 Al-yaasaʼaanis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe.