1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. 2 Innis waan jibbisiisaa saboota Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. 3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan shamaayʼun hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. 4 Innis mana qulqullummaa Rabbii Allaah kan Rabbii Allaahan, "Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba" jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. 5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Rabbii Allaah lamaanuu keessattis raayyaawwan shamaayʼun hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. 6 Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Rabbii Allaah duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
7 Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan Rabbii Allaahan akkana jedhee waaʼee isaa Daawudii fi ilma isaa Suleyimaanii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; "Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba. 8 Yoo isaan waan ani isaan ajaje hunda hojjetanii Seera garbichi koo Muusaan isaaniif kenne guutuu eegan, ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee jooru hin godhu." 9 Namoonni garuu hin dhaggeeffanne. Minaaseen karaa irraa isaan jalʼise; kanaafuu isaan saboota Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
10 Rabbii Allaahan karaa garboota isaa nabiiʼiyyootaatiin akkana jedhee dubbate; 11 "Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqeffatamtoota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise. 12 Kanaafuu Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida. 13 Ani funyoo Samaariyaatii fi tumbii mana Ahaab sana Yerusaalem irratti nan diriirsa. Akkuma namni caabii haxaaʼee gad gombisutti ani Yerusaalemin haxaaʼee nan gombisa. 14 Ani hambaa dhaala koo dhiisee harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna. Isaanis diinota isaanii hundaan ni saamamu; ni boojiʼamus. 15 Isaan gaafa abbootiin isaanii Gibxii baʼanii jalqabee hamma harʼaatti fuula koo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniiruutii."
16 Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.
17 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjete hundi, cubbuu inni hojjete dabalatee seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 18 Minaaseen abbootii isaa wajjin boqotee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa isaa keessatti, iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni qabbarame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
19 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte. 20 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. 21 Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqeffatamtoota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade. 22 Inni Rabbii Allaah abbootii isaa dhiise; karaa Rabbii Allaah irras hin deemne.
23 Qondaaltonni Aamoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti mooticha ni ajjeesan. 24 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
25 Wanni bara mootummaa Aamoon keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? 26 Innis qabrii isaa kan iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni qabbarame. Ilmi isaa Yosiyaasis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.