1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche. 2 Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine. 3 Kanaafuu dheekkamsi Rabbii Allaah Allaaha Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne.
4 Yehooʼaahaaz fuula Rabbii Allaah barbaaddate; Rabbii Allaahanis akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef. 5 Rabbii Allaahanis nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan. 6 Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe.
7 Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii.
8 Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? 9 Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni qabbarame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
10 Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche. 11 Inni fuula Rabbii Allaah duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
12 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 13 Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni qabbarame.
14 Yeroo kanatti Al-yaasaʼaan dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, "Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!" jedhee iyye.
15 Al-yaasaʼaan, "Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu" jedheen; innis ni fudhate. 16 Al-yaasaʼaan immoo mooticha Israaʼeliin, "Iddaa harkatti qabadhu" jedhe; inni fuunaan Al-yaasaʼaan harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe.
17 Al-yaasaʼaan, "Foddaa karaa baʼa biiftuu bani" jedheen; innis ni bane. Al-yaasaʼaan, "Xiyya darbadhu!" jedhe; mootichis ni darbate. Al-yaasaʼaanis, "Xiyya moʼannoo Rabbii Allaaha, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!" jedhe. Al-yaasaʼaanis, "Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita" jedhee labse.
18 Innis ergasii, "Xiyya fudhadhu" jedheen; mootichis ni fudhate. Al-yaasaʼaanis "Lafa rukuti" jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute. 19 Namni Allaaha sunis isatti aaree akkana jedhe; "Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta."
20 Al-yaasaʼaan duʼee qabbarame.
Yeroo sana Moʼaabonni saamtonni birraa birraa dhufanii biyyattii saamu ture. 21 Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko qabbaruutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa qabrii Al-yaasaʼaatti darbatan. Reeffi sun lafee Al-yaasaʼaa tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate.
22 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse. 23 Rabbii Allaahan garuu sababii kakuu Ibraahim, Yisihaaqii fi Yaaʼikuub wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene.
24 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. 25 Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise.