1 Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche. 2 Innis fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti.
3 Shalmaneseer mootichi Asoor Hoosheeʼaa loluuf ol baʼe; Hooseʼaas garboomeefii gibira baaseef. 4 Mootiin Asoor garuu akka Hoosheeʼaa gantuu taʼe hubate; Hooseʼaan Siigoor mooticha Gibxitti jaarsa araaraa ergatee ergasii akka duraan wagguma waggaan baasaa ture sana mootii Asooriif gibira baasuu dhiise. Kanaafuu Silminaasoor isa qabee mana hidhaa keessa buuse. 5 Ergasiis mootichi Asoor guutummaa biyyattii weerare; Samaariyaattis duulee waggaa sadii marsee ishee qabate. 6 Bara mootummaa Hoosheeʼaa keessa waggaa saglaffaatti mootiin Asoor Samaariyaa qabatee Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geesse. Innis Halaa keessa, Goozaan keessa, cina Laga Haaboorii fi magaalaawwan Midiyaan keessa isaan qubachiise.
7 Wanni kun hundinuu sababii Israaʼeloonni Rabbii Allaah isaanii isa Gibxii humna Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isaan baase sanatti cubbuu hojjetaniif taʼe; isaan waaqeffatamtoota biraa waaqeffatanii 8 waan saboonni Rabbii Allaahan isaan duraa ariʼee baase sun hojjetan duukaa buʼanii barteewwan hamaa mootonni Israaʼel fidanii isaan barsiisan illee fudhatan. 9 Israaʼeloonni dhoksaadhaan waan qajeelaa hin taʼin Rabbii Allaah isaaniitti hojjetan. Isaan magaalaawwan isaanii hunda keessatti gamoo eegumsaatii jalqabanii hamma magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaarratan. 10 Gaarran ol dhedheeroo hunda gubbaattii fi muka lalisaa hunda jalatti fakkiiwwanii fi siidaa Aasheeraa dhaabbatan. 11 Isaan akkuma saboonni Rabbii Allaahan fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf Rabbii Allaah kakaasu illee ni hojjetan. 12 Rabbii Allaahanis, "Isin waan kana hin hojjetinaa" jedhu illee isaan waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffatan. 13 Rabbii Allaahan akkana jedhee karaa nabiiʼiyyootaatii fi ilaaltota isaa hundaatiin Israaʼelii fi Yihuudaa akeekkachiise; "Karaa keessan hamaa kana irraa deebiʼaa. Akkuma ajajawwan ani abbootii keessan ajaje hundaattii fi akkuma seera ani karaa garboota koo nabiiʼiyyootaatiin isiniif erge sanaatti ajajaa fi seera koo eegaa."
14 Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen Rabbii Allaah isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan. 15 Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma Rabbii Allaahan, "Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa" jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan Rabbii Allaahan hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan.
16 Isaan ajaja Rabbii Allaah isaanii hunda dhiisanii waaqeffatamtoota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan shamaayʼun hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan. 17 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.
18 Kanaafuu Rabbii Allaahan akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe; 19 Yihuudaan iyyuu ajaja Rabbii Allaah isaanii hin eegne. Isaanis bartee Israaʼeloonni itti fidan duukaa buʼan; 20 kanaafuu Rabbii Allaahan saba Israaʼel hunda ni gate; inni isaan miidhee hamma fuula isaa duraa isaan dhabamsiisutti dabarsee harka saamtotaatti isaan kenne.
21 Gaafa inni mana Daawud irraa Israaʼel baqaqsetti isaan Yerobiʼaam ilma Nebaat sana mootii godhatan. Yerobiʼaamis akka Israaʼeloonni Rabbii Allaah irraa garagalanii cubbuu guddaa hojjetan godhe. 22 Israaʼeloonni cubbuu Yerobiʼaam hunda keessa jiraatan malee 23 hamma Rabbii Allaahan akkuma karaa garboota isaa nabiiʼiyyootaatiin akeekkachiise sanatti fuula isaa duraa isaan buqqisutti irraa hin deebine. Kanaafuu sabni Israaʼel biyya isaatii boojuudhaan fudhatamee Asooritti geeffame; hamma harʼaattis achuma jiraata.
24 Mootiin Asoor biyya Baabilonii, Kuutaadhaa, Awaadhaa, biyya Hamaatii fi Seefarwaayimii namoota fidee iddoo Israaʼelootaa buusuuf jedhee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiise. Isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalaawwan ishee keessa ni jiraatan. 25 Isaan yeroo achi jiraachuu jalqabanitti Rabbii Allaah hin waaqeffanne; kanaafuu inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis isaan keessaa namoota muraasa galaafatan. 26 Mooticha Asoorittis akkana jedhanii himan; "Namoonni ati boojitee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiifte sun waan Allaahan biyya sanaa fedhu hin beekan. Inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis sababii namoonni waan Allaahan sun fedhu hin beekiniif isaan fixan."
27 Kana irratti mootiin Asoor, "Luboota boojitanii Samaariyaadhaa fiddan keessaa tokko akka inni deebiʼee achi jiraatee waan Allaahan biyya sanaa fedhu namoota barsiisuuf achi deebisaa" jedhee ajaja kenne. 28 Kanaafuu luboota Samaariyaadhaa boojiʼaman keessaa tokko Beetʼeel keessa jiraatee akka isaan itti Rabbii Allaah waaqeffatan barsiisuu dhufe.
29 Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqeffatamtoota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe. 30 Warri Baabilonii dhufan waaqeffatamaa tolfamaa Sukooti Banooti, warri Kuutaadhaa dhufan waaqeffatamaa tolfamaa Nergaal, warri Hamaatii dhufan immoo waaqeffatamaa tolfamaa Ashiimaa jedhamu ni tolfatan. 31 Awwiimonni waaqeffatamtoota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqeffatamtoota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. 32 Isaan Rabbii Allaah waaqeffatan; garuu akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti luboota taʼanii tajaajilaniif ofuma gidduudhaa namoota ni filatan. 33 Isaan Rabbii Allaah waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqeffatamtoota ofii isaanii tajaajilan.
34 Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan Rabbii Allaah hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja Rabbii Allaahan sanyiiwwan Yaaʼikuub kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan. 35 Rabbii Allaahan gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: "Isin Allaah biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa. 36 Garuu Rabbii Allaahan isin waaqeffachuu qabdan, isa humna jabaa fi irree diriirfameen Gibxii baasee isin fide sanaa dha. Isin isaaf sagaddanii aarsaa dhiʼeessuufii qabdu. 37 Isin yeroo hunda labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja inni isinii barreesse sana of eeggannaadhaan eeguu qabdu. Waaqeffatamtoota biraa hin waaqeffatinaa. 38 Kakuu ani isin wajjin gale sana hin irraanfatinaa; waaqeffatamtoota biraa hin waaqeffatinaa. 39 Qooda kanaa Rabbii Allaah keessan waaqeffadhaa; kan harka diina keessan hundaa keessaa isin baasu isumaa."
40 Taʼus isaan ittuma cichanii waanuma qaraa sana hojjetan malee isa hin dhageenye. 41 Yeroo namoonni kunneen Rabbii Allaah waaqeffachaa jiranitti illee isaan waaqeffatamtoota tolfamoo isaanii tajaajilaa turan. Hamma guyyaa harʼaatti illee ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii ittuma fufanii akkuma abbootiin isaanii hojjetan sana hojjechaa jiru.