Publicidade

Atos 4

Phexrosii fi Yohannis Yaaʼii Yihuudootaa Duratti

1 Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan. 2 Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Iisaatiin argamu labsaniifis akka malee aaran. 3 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii. 4 Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.

5 Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan. 6 Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan. 7 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, "Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?" jedhanii gaafachuu jalqaban.

8 Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; "Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa! 9 Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan, 10 isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Iisaa Al-Masiihii nama Naazreeti kan isin fanniftanii Allaahan immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata. 11 Iisaanis,

" ‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan

kan dhagaa golee taʼee dha.’

12 Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan shamaayʼun gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii."

13 Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Iisaa wajjin turanis ni qalbeeffatan. 14 Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban. 15 Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban. 16 Akkanas jedhan; "Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu. 17 Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna."

18 Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Iisaatiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan. 19 Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; "Qooda Allaaha isiniif ajajamuun fuula Allaaha duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa! 20 Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii."

21 Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Allaah galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye. 22 Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii.

Duʼaa Amantootaa

23 Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan. 24 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti duʼaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Allaahatti ol fuudhanii akkana jedhan; "Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ Shamaayʼunii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume. 25 Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawudiitiin akkana jettee dubbatteerta;

" ‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu?

Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu?

26 Mootonni lafaa kaʼanii,

bulchitoonnis Gooftichaa fi

dibamaa isaatiin mormuuf

walitti qabaman.’

27 Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Iisaa isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman. 28 Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan. 29 Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif. 30 Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Iisaatiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu."

31 Erga isaan Allaah duratti duʼaa gootanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Allaaha dubbatan.

Qabeenyi Amantootaa Kan Hunda Isaanii Taʼe

32 Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne. 33 Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Iisaa humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture. 34 Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii, 35 miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.

36 Yuusuf namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun "ilma jajjabinaa" jechuu dha. 37 Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-