Publicidade

Atos 7

Haasaa Isxifaanos

1 Lubni ol aanaanis, "Wanni kun dhugumaa?" jedhee isa gaafate.

2 Innis akkana jedhee deebise; "Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Allaahan ulfinaa, yeroo abbaan keenya Ibraahim Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate. 3 Allaahanis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’ jedheen.

4 "Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Allaahan achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge. 5 Taʼus Allaahan dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Allaahan akka Ibraahimii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Ibraahim yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture. 6 Allaahan akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’ 7 Allaahan akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’ 8 Allaahanis kakuu dhagna qabaa Ibraahimiif kenne; Ibraahimis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaʼikuub taʼe; Yaaʼikuub immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe.

9 "Abbootiin sunis waan Yuusufitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Allaahan garuu isa wajjin ture; 10 rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Allaahanis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yuusufiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe.

11 "Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye. 12 Yaaʼikuubis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge. 13 Imala isaanii lammaffaa irrattis Yuusuf eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yuusuf beeke. 14 Yuusufis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaʼikuubii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise. 15 Yaaʼikuubis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan. 16 Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa qabrii kan Ibraahim ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti qabbarame.

17 "Akkuma yeroon waadaa Allaahan Ibraahimiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate. 18 Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yuusuf hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’ 19 Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise.

20 "Yeroon Muusaan dhalates yeruma kana ture; innis fuula Allaaha duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate. 21 Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte. 22 Muusaan ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture.

23 "Muusaan yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse. 24 Muusaanis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef. 25 Muusaan waan sabni isaa akka Allaahan karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne. 26 Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale.

27 "Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Muusaa achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? 28 Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’ 29 Muusaanis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.

30 "Erga waggaan afurtamni darbee booddees malaʼikkaan Allaaha tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Muusaatti mulʼate. 31 Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe. 32 Sagaleen sunis, ‘Ani Allaah abbootii keetii, Allaah Ibraahim, kan Yisihaaqii fi kan Yaaʼikuub’ jedheen. Muusaanis ni hollate; ilaaluus ni sodaate.

33 "Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu. 34 Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’

35 "Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Muusaadhuma kana. Isas Allaahan akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka malaʼikkaa Allaaha kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge. 36 Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase.

37 "Muusaan kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Allaahan sabuma keessan keessaa nabiiʼiyyii akka kootii tokko isinii kaasa’ jedhe sanaa dha. 38 Innis, Malaʼikkaa Allaaha kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate.

39 "Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan. 40 Haaruuniinis, ‘Waaqeffatamtoota nu dura deeman nuu tolchi; Muusaan Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’ jedhan. 41 Yeroon isaan waaqeffatamaa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Allaah sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan. 42 Allaahan garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota shamaayʼun irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba nabiiʼiyyootaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha;

" ‘Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti

takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?

43 Isin fakkii waaqeffatamtoota waaqeffachuuf

tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi

urjii waaqeffatamaa tolfamaa keessan Reefaan ol qabdaniirtu.

Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.’

44 "Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Allaahan akka Muusaan akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture. 45 Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Allaahan isaan duraa ariʼee baase sanaatti Yushuʼaa wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawudiitti biyya sana ture. 46 Daawudis fuula Allaaha duratti fudhatama argatee Allaah Yaaʼikuubiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate. 47 Garuu kan mana sana ijaareef Suleyimaan ture.

48 "Taʼus Allaahan Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma nabiiʼiyyichi akkana jedhee dubbatee dha:

49 " ‘Shamaayʼuniin teessoo koo ti;

laftis ejjeta miilla kootii ti.

Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree?

jedha Gooftaan.

Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?

50 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’

51 "Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu. 52 Nabiiʼiyyiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu; 53 warri karaa malaʼikkoota Allaahatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma."

Isxifaanos Dhagaan Tumame

54 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan. 55 Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara shamaayʼun ol ilaalee ulfina Allaahatii fi Iisaas isaa mirga Allaaha dhaabatee jiru arge. 56 Innis, "Ani kunoo shamaayʼuniin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Allaaha dhaabatee jiru nan arga" jedhe.

57 Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan. 58 Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan.

59 Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, "Yaa Gooftaa Iisaa, hafuura koo fudhadhu" jedhee duʼaa godhe. 60 Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, "Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!" jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-