Publicidade

Atos 10

Qorneelewoos Phexrosin Waame

1 Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, "Humna waraana Iixaaliyaa" jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture. 2 Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Allaahaf bulanii fi warra Allaah sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Allaah duratti duʼaa godhata ture. 3 Innis gaafa tokko malaʼikkaa Allaaha tokko isaa gara isaa dhufee, "Yaa Qorneelewoos!" jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge.

4 Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, "Yaa Gooftaa, maal barbaadda?" jedhee gaafate.

Malaʼikkaan Allaaha sun immoo akkana jedhee deebise; "Duʼaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Allaaha duratti ol baʼeera. 5 Amma Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana as fichisiisi. 6 Innis namicha gogaa duugu kan Simoon jedhamu kan manni isaa qarqara galaanaatti argamu tokko bira jira."

7 Qorneelewoosis yommuu malaʼikkaan Allaaha kan isatti dubbate sun deemetti tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Allaahaf bulu tokko waamee, 8 waan kana hunda itti himee Yoopheetti isaan erge.

Mulʼata Phexros Arge Tokko

9 Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti duʼaa gochuuf bantii manaatti ol baʼe. 10 Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe. 11 Shamaayʼun banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge. 12 Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota shamaayʼun kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture. 13 Sagaleen tokkos, "Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu" jedheen.

14 Phexros garuu deebisee, "Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne" jedhe.

15 Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, "Ati waan Allaahan qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin" jedheen.

16 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee shamaayʼuniitti ol fudhatame.

17 Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan. 18 Isaanis lallabanii, "Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?" jedhanii gaafatan.

19 Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; "Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru. 20 Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii."

21 Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, "Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?" jedheen.

22 Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; "Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Allaah sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; malaʼikkaan Allaaha qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate." 23 Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise.

Phexros mana Qorneelewoos Dhaqe

Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman. 24 Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture. 25 Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe. 26 Phexros garuu, "Kaʼi! Anis namumaatii" jedhee ol isa qabe.

27 Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge. 28 Innis akkana isaaniin jedhe; "Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Allaahan akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera. 29 Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada."

30 Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: "Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti duʼaa gochaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee 31 akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Allaahan duʼaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera. 32 Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’ 33 Kanaaf ani yeruma sana nama ergeen si waamsise; atis baga dhufte. Egaa nu hundinuu waan akka ati nutti himtu Gooftaan si ajaje hunda dhagaʼuuf jennee as fuula Allaaha dura jirra."

34 Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; "Ani amma akka Allaahan nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha. 35 Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha. 36 Isin ergaa Allaahan karaa Iisaa Al-Masiihiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; Iisaa Al-Masiihiin kun Gooftaa waan hundaa ti. 37 Isin waan Cuuphaa Yahyaan lallabee booddee Galiilaadhaa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti taʼe sana ni beektu. 38 Kunis akka Allaahan Iisaa nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Iisaan waan gaarii hojjechaa fi warra humna ibliis jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Allaahan isa wajjin tureetii.

39 "Nus waan inni biyya Yihuudootaatii fi Yerusaalem keessatti hojjete hundaaf dhuga baatota. Isaanis fannoo irratti fannisanii isa ajjeesan. 40 Allaahan immoo guyyaa sadaffaatti warra duʼan keessaa isa kaase; akka inni namatti mulʼatus godhe. 41 Inni nama hundatti hin mulʼanne; garuu nu dhuga baatota Allaahan duraan dursee filatettii fi erga inni warra duʼan keessaa kaʼee booddee isa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate. 42 Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Allaahan warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje. 43 Nabiiʼiyyoonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu."

44 Utuma Phexros amma illee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun warra dubbii sana dhagaʼaa turan hunda irra buʼe. 45 Amantoonni dhagna qabatan kanneen Phexros wajjin dhufan sun waan kennaan Hafuura Qulqulluu Namoota Ormaa irrati illee dhangalaʼeef ni dinqifatan; 46 isaan jaraa afaan haaraa dubbatanii fi Allaahas jajatan dhagaʼaniiruutii.

Phexrosis akkana jedhe; 47 "Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?" 48 Innis akka isaan maqaa Iisaa Al-Masiihiitti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-