Publicidade

Atos 6

Namoonni Torba Filatamuu Isaanii

1 Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii. 2 Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; "Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Allaaha barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti. 3 Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee, 4 Allaah duratti duʼaa gochuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa."

5 Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan. 6 Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Allaah duratti duʼaa godhaniifii harka isaan irra kaaʼan.

7 Dubbiin Allaaha ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.

Isxifaanos Qabame

8 Isxifaanos ayyaanaa fi humna Allaahatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette. 9 Miseensonni mana sagadaa warra, "Namoota bilisooman" jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban. 10 Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye.

11 Kanaafuu akka isaan, "Nu utuu Isxifaanos Muusaa fi Allaah irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra" jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.

12 Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan. 13 Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; "Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne. 14 Nu isaa, ‘Iisaan namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Muusaan nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra."

15 Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula malaʼikkaa Allaaha taʼe argan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-