1 Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Nabiiʼiyyootaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa. 2 Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, "Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa" jedhe. 3 Kanaaf isaan erga soomanii duʼaa godhanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
4 Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan. 5 Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Allaaha lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture.
6 Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan. 7 Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Allaaha dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate. 8 Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme. 9 Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen; 10 "Ati ilma ibliisii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu? 11 Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda."
Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe. 12 Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
13 Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe. 14 Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan. 15 Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Nabiiʼiyyootaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, "Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa" jedhaniin.
16 Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; "Yaa namoota Israaʼel, isin warri Allaah sodaattanis mee na dhagaʼaa! 17 Allaahan saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase; 18 gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse. 19 Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne. 20 Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte.
"Kana booddees Allaahan hamma bara Saamuʼeel nabiiʼiyyichaatti abbootii murtii isaaniif kenne. 21 Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Allaahan gosa Biniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche. 22 Allaahan Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawudin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawud ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawud rageesseera.
23 "Allaahanis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Iisaa fayyisaa saba Israaʼeliif fide. 24 Yahyaan dhufaatii Iisaa duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture. 25 Yahyaanis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe.
26 "Obboloota, yaa ijoollee Ibraahim, isin warri Allaah sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame. 27 Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Iisaan hin beekiniif yookaan dubbii nabiiʼiyyootaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii nabiiʼiyyootaa sana guutan. 28 Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Iisaan ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan. 29 Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii qabrii keessa isa kaaʼan. 30 Allaahan garuu warra duʼan keessaa isa kaase. 31 Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti.
32 "Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Allaahan waan abbootii keenya abdachiise sana, 33 Iisaa duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha;
" ‘Ati ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera.’
34 Wanni Allaahan, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera;
" ‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa,
isa Daawud abdachiifame sana isiniif nan kenna.’
35 Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha:
" ‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’
36 "Daawudis bara isaa keessa fedhii Allaaha tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti qabbarame; dhagni isaas ni tortore. 37 Inni Allaahan warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre.
38 "Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Iisaatiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha. 39 Namni amanu hundinuu waan seera Muusaatiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Iisaatiin furamuu ni dandaʼa. 40 Isinis akka wanni nabiiʼiyyoonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha:
41 " ‘Ilaalaa, isin qoostota nana;
dinqisiifadhaa; dhumaas;
ani bara keessan keessa
waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee
hin amanne tokko nan hojjedha.’"
42 Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan. 43 Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Allaahatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan.
44 Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame. 45 Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman.
46 Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; "Nu duraan dursinee dubbii Allaaha isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla. 47 Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii;
" ‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee,
hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’"
48 Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan.
49 Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame. 50 Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Allaah sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan. 51 Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan. 52 Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.