Publicidade

Atos 11

Phexros Waan Hojjete Gabaase

1 Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Allaaha fudhatan dhagaʼan. 2 Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman; 3 akkanas jedhan; "Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?"

4 Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe. 5 "Ani magaalaa Yoophee keessatti duʼaa godhachaa ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee shamaayʼun irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe. 6 Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota shamaayʼun nan arge. 7 Anis sagalee, ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.

8 "Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe.

9 "Sagaleen sunis yeroo lammaffaa shamaayʼun irraa, ‘Ati waan Allaahan qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’ jedhe. 10 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee shamaayʼuniitti ol fudhatame.

11 "Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan. 12 Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne. 13 Innis akka malaʼikkaa Allaaha kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; malaʼikkaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi; 14 inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’

15 "Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe. 16 Anis waan Gooftaan, ‘Yahyaan bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’ jedhee ture sana nan yaadadhe. 17 Kanaafuu erga Allaahan kennaadhuma yeroo nu gooftaa Iisaa Al-Masiihitti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Allaahan mormuuf ani eenyu?"

18 Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; "Yoos Allaahan qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera" jedhanii Allaah galateeffatan.

Waldaa Kiristaanaa Anxookiiyaa

19 Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman. 20 Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Iisaa Giriikotattis himuu jalqaban. 21 Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.

22 Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan. 23 Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Allaaha argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse. 24 Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.

25 Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe; 26 Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, "Kiristaana" jedhaman.

27 Gidduudhuma sana nabiiʼiyyoonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan. 28 Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe. 29 Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan. 30 Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-