Publicidade

Atos 3

Phexros Namicha Naafa Tokko Fayyise

1 Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo duʼaa godhatanitti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan. 2 Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan "Miidhagaa" jedhamuutti geessu turan. 3 Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate. 4 Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, "Mee nu ilaali!" jedheen. 5 Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.

6 Phexrosis, "Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Iisaa Al-Masiihii isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!" jedhe. 7 Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate. 8 Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Allaahas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene. 9 Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Allaah galateeffachuu isaa arganitti, 10 akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, "Miidhagaa" jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.

Dubbii Phexros Dubbate

11 Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Suleyimaan jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan. 12 Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; "Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu? 13 Allaahan abbootii keenyaa, Allaahan Ibraahim, Allaahan Yisihaaqii fi Allaahan Yaaʼikuub tajaajilaa isaa Iisaa kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan. 14 Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan. 15 Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Allaahan garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti. 16 Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Iisaatti amanuudhaan jabaate. Maqaa Iisaa fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.

17 "Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka. 18 Allaahan garuu waan akka Al-Masiihiin isaa dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa nabiiʼiyyoota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate. 19 Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Allaahatti deebiʼaa; 20 kunis akka inni Al-Masiihii isiniif filatame sana jechuunis Iisaa erguuf. 21 Innis hamma yeroon Allaahan itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti shamaayʼun irra turuu qaba; Allaahanis bara dheeraadhaan dura karaa nabiiʼiyyoota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture. 22 Muusaan akkana jedheeraatii; ‘Allaahan keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa nabiiʼiyyii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa. 23 Namni nabiiʼiyyii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’

24 "Saamuʼeel irraa jalqabee nabiiʼiyyoonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru. 25 Isin immoo ilmaan nabiiʼiyyootaatii fi ilmaan kakuu Allaahan abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Ibraahimiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe. 26 Allaahan yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-