Publicidade

Atos 8

1 Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture.

Ariʼatama Waldaa Kiristaanaa

Guyyuma sana waldaa Al-Masiihii ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan. 2 Namoonni Allaah sodaatanis Isxifaanosin qabbaran; booʼicha guddaas booʼaniif. 3 Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.

Fiiliphoos Samaariyaa Keessatti

4 Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban. 5 Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Al-Masiihii lallabe. 6 Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan. 7 Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan. 8 Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.

Simoon Falfalticha

9 Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture. 10 Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, "Namichi kun humna Allaaha isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha" jedhanii isa saadan. 11 Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan. 12 Garuu yommuu Fiiliphoos injiila waaʼee mootummaa Allaahatii fi maqaa Iisaa Al-Masiihii lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman. 13 Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.

14 Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Allaaha fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan. 15 Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif duʼaa ni godhaniif; 16 Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Iisaa qofaan cuuphamanii turan. 17 Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan.

18 Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee, 19 "Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa" jedheen.

20 Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; "Sababii ati kennaa Allaaha waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu! 21 Garaan kee fuula Allaaha duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu. 22 Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa duratti duʼaa godhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii. 23 Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga."

24 Simoonis, "Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa duratti duʼaa naa godhaa" jedhee deebise.

25 Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti injiila lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan.

Fiiliphoosii fi Namicha Itoophiyaa Tokko

26 Malaʼikkaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, "Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi" jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti. 27 Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture. 28 Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas nabiiʼiyyichaa dubbifachaa ture. 29 Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, "Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu" jedhe.

30 Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas nabiiʼiyyichaa dubbifatuu dhagaʼee, "Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?" jedhee gaafate.

31 Namichis, "Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?" jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.

32 Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana:

"Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee,

yookaan akkuma ilmoo hoolaa

kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu

akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.

33 Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame;

eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa?

Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii."

34 Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, "Nabiiʼiyyiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!" jedhee gaafate. 35 Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Iisaa isatti hime.

36 Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, "Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?" jedheen. [37 Fiiliphoosis, "Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa" jedheen. Namichis deebisee, "Akka Iisaan Al-Masiihii ilma Allaaha taʼe ani nan amana" jedhe.] 38 Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe. 39 Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe. 40 Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti injiila lallabaa darbe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-