1 Phexros ergamaa Iisaa Al-Masiihi irraa,
Gara filatamtoota Phonxoos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiyaa fi Biitaaniyaa keessa bibittinnaaʼan 2 kanneen akka beekumsa Allaah Abbaatti, karaa hojii qulqulleessuu Hafuuraatiin, akka Iisaa Al-Masiihiif ajajamanii fi akka dhiigni isaa isaanitti facaafamuuf filatamaniitti:
Ayyaanni isiniif haa baayʼatu. Assalaam aleeyikum.
3 Allaaha fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche; 4 akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis shamaayʼun keessa isinii kaaʼameera; 5 isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Allaahatiin eegamtanii dha. 6 Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan. 7 Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Iisaa Al-Masiihiin mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe. 8 Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu; 9 isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
10 Nabiiʼiyyoonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan; 11 isaanis yommuu Hafuurri Al-Masiihii inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Al-Masiihiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan. 12 Namoonni Hafuura Qulqulluu isa shamaayʼuniidhaa ergameen injiila isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana malaʼikkoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
13 Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Iisaa Al-Masiihiin mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa. 14 Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa. 15 Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; 16 "Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa" jedhamee barreeffameeraatii.
17 Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana "Abbaa" jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa. 18 Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii. 19 Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Al-Masiihii jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu. 20 Inni utuu addunyaan hin uumamin duraan dursee beekame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa mulʼate. 21 Isinis karaa isaatiin Allaah warra duʼan keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Allaah taʼuuf.
22 Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa. 23 Isin karaa dubbii Allaaha isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
24 "Foon hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti;
margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
25 dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."
Dubbiin kunis injiila isinitti lallabame sana.