Publicidade

Tiago 5

Sooreyyii Nama Cunqursaniif Akeekkachiisa Kennuu

1 Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas. 2 Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera. 3 Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu. 4 Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera. 5 Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu. 6 Nama qajeelaa isiniin hin morminetti murtanii ajjeeftu.

Dhiphina Keessatti Obsa Qabaachuu

7 Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. 8 Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii. 9 Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera.

10 Yaa obboloota, nabiiʼiyyoota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa. 11 Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.

12 Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; shamaayʼuniin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, "Eeyyee" yookaan "waawuu" haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.

Duʼaa Amantii

13 Isin keessaa namni dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa duʼaa godhu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu. 14 Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa duʼaa godhaniif. 15 Duʼaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf. 16 Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

17 Iliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee duʼaa godhe; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne. 18 Ammas deebiʼee duʼaa godhe; shamaayʼuniin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte.

19 Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise, 20 inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.

Veja também

Publicidade
Tiago
Ver todos os capítulos de Tiago
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-