Publicidade

1 Pedro 2

1 Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa. 2 Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa; 3 isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.

Dhagaa Jiraataa fi Saba Filatame

4 Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Allaahan garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii, 5 isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Iisaa Al-Masiihiin Allaah biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu. 6 Katabbiin Qulqulluun,

"Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko,

dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa;

namni isa amanatu

kam iyyuu hin qaanaʼu"

jedhaatii. 7 Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu,

"Dhagaan ijaartonni tuffatan,

dhagaa golee taʼeera."

8 Akkasumas,

"Dhagaa nama gufachiisu,

kattaa nama kuffisu taʼe"

jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.

9 Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Allaaha kan addaa taataniirtu. 10 Isin dur saba Allaaha hin turre; amma garuu saba Allaaha ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.

Jireenya Allaahatti Tolu Jiraachuu

11 Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa. 12 Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Allaahan nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.

Bulchitootaaf Buluu

13 Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu 14 yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa. 15 Allaahan akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii. 16 Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Allaahatti jiraadhaa. 17 Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Allaah sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa.

Gooftoliidhaaf Buluu

18 Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa. 19 Namni tokko yoo Allaahaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba. 20 Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Allaaha duratti galata qaba.

Fakkeenya Al-Masiihii

21 Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Al-Masiihiin akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.

22 "Inni cubbuu hin hojjenne;

sobni afaan isaatii hin baane."

23 Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne. 24 Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu. 25 Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.

Veja também

Publicidade
1 Pedro
Ver todos os capítulos de 1 Pedro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-