Publicidade

2 Reis 1

Murtii Rabbii Allaahan Ahaaziyaatti Mure

1 Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile. 2 Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, "Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon sana naaf gaafadhaa" jedhee ergamoota erge.

3 Malaʼikkaan Rabbii Allaah garuu Iliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; "Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Allaahan dhabameetii?’ 4 Kanaafuu Rabbii Allaahan, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha." Kana irratti Iliyaas kaʼee deeme.

5 Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, "Isin maaliif deebitan?" jedhee isaan gaafate.

6 Isaanis akkana jedhanii deebisan; "Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Allaahan dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ "

7 Mootichi, "Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?" jedhee isaan gaafate.

8 Isaanis, "Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha" jedhanii deebisaniif.

Mootichis, "Inni Iliyaas namicha Tishbii sanaa dha" jedhe.

9 Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Iliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Iliyaasitti ol baʼee, "Yaa nama Allaaha, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha" jedheen.

10 Iliyaas immoo ajajaa sanaan, "Yoo ani nama Allaaha taʼe, ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!" jedhe. Ergasii ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe.

11 Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Iliyaasitti erge. Ajajaan sunis, "Yaa nama Allaaha, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha" jedheen.

12 Iliyaas garuu, "Yoo ani nama Allaaha taʼe, ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!" jedhee deebiseef. Ibiddi Allaahas shamaayʼun irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe.

13 Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Iliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; "Yaa nama Allaaha, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin! 14 Kunoo, ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!"

15 Malaʼikkaan Rabbii Allaahas Iliyaasiin, "Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin" jedhe. Kanaafuu Iliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.

16 Innis akkana jedhee mootichatti hime; "Rabbii Allaahan akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Allaahan gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!" 17 Kanaafuu inni akkuma dubbii Rabbii Allaah kan Iliyaas dubbate sanaatti duʼe.

Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe. 18 Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-