1 Yeroo kanatti Al-yaasaʼaan dubartii ilma ishee duʼaa kaaseef sanaan, "Sababii Rabbii Allaahan beela waggaa torba turu tokko biyya kanatti ajajeef, maatii kee wajjin asii deemiitii iddoo jiraachuu dandeessu kam iyyuu jiraadhu" jedhe. 2 Dubartiin sunis kaatee akkuma namni Allaaha sun jedheen goote. Ishee fi maatiin ishee dhaqanii biyya Filisxeemotaa keessa waggaa torba jiraatan.
3 Isheenis dhuma waggaa torbaatti biyya Filisxeemotaatii deebitee manaa fi lafa ishee kadhachuuf gara mootichaa ni dhaqxe. 4 Mootichis, "Mee waan Al-yaasaʼaan hojjete gurguddaa natti himi" jedhee Gehaaz tajaajilaa nama Allaaha sana wajjin haasaʼaa ture. 5 Utuma Gehaaz akka Al-yaasaʼaan nama duʼe illee duʼaa kaase isatti himuutti jiruu dubartiin Al-yaasaʼaan ilma ishee duʼaa kaaseef sun manaa fi lafa ishee kadhachuudhaaf gara mootichaa dhufte.
Gehaazis, "Yaa gooftaa koo mooticha, dubartiin Al-yaasaʼaan mucaa ishee duʼaa kaaseef sun kunoo ti" jedhe. 6 Mootichi waaʼee waan sanaa dubartittii gaafate; isheenis itti himte.
Innis ergasii qondaala tokko dubbii isheetti ramadee, "Galii guyyaa isheen biyyaa baatee jalqabee lafa qotiisaa ishee irraa argame hunda itti dabaliitii waan kan ishee ture hunda deebisiif" jedheen.
7 Al-yaasaʼaan Damaasqoo dhaqe; Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa immoo dhukkubsatee ture. Mootiin sunis yommuu, "Namni Allaaha sun as dhufee jira" jedhanii itti himanitti, 8 Hazaaʼeeliin akkana jedhe; "Kennaa wayii fudhadhuutii dhaqii nama Allaaha sana simadhu. Karaa isaatiinis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan hafaa?’ jedhii Rabbii Allaah gaafadhu."
9 Hazaaʼeelis waan Damaasqoo keessaa akka malee gaggaarii taʼe fudhatee kennaa feʼiisa gaala afurtamaatiin Al-yaasaʼaa simachuu dhaqe. Ol seenees fuula isaa dura dhaabatee, "Ilma kee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaatu, ‘Ani dhukkuba kana irraa hafaa?’ jedhee sitti na erge" jedheen.
10 Al-yaasaʼaan immoo, "Dhaqiitii, ‘Ati dhugumaan irraa hafta’ jedhiin; garuu Rabbii Allaahan akka inni dhugumaan duʼu na argisiiseera" jedhee deebiseef. 11 Al-yaasaʼaan hamma Hazaaʼeel qaanaʼutti utuu ija irraa hin buqqifatin isa ilaale. Ergasii namni Allaaha sun booʼuu jalqabe.
12 Hazaaʼeelis, "Gooftaan koo maaliif booʼa?" jedhee gaafate.
Inni immoo akkana jedhee deebise; "Sababii ani miidhaa ati Israaʼelitti fiddu beekuuf; ati daʼannoo isaaniitti ibidda naqxa; dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixxa; daaʼimman isaanii lafaan dhooftee mimmiciriqsita; dubartoota isaanii kanneen ulfaaʼan garaa baqaqsita."
13 Hazaaʼeel, "Ani garbichi kee sareen kun akkamiin waan hamtuu akkanaa hojjedha?" jedhe.
Al-yaasaʼaan immoo, "Rabbii Allaahan akka ati mootii Sooriyaa taatu na argisiiseera" jedhee deebiseef.
14 Hazaaʼeel ergasii Al-yaasaʼaa biraa baʼee gara gooftaa isaatti deebiʼe. Yommuu Ben-Hadaad, "Al-yaasaʼaan maal siin jedhe?" jedhee gaafatettis, Hazaaʼeel, "Inni akka ati dhugumaan irraa haftu natti hime" jedhee deebise. 15 Inni garuu guyyaa itti aanu wayyaa furdaa tokko fuudhee bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa haguuge; akkasiin mootichi duʼe. Ergasii Hazaaʼeel iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
16 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe. 17 Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. 18 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Rabbii Allaah durattis waan hamaa hojjete. 19 Taʼus Rabbii Allaahan sababii garbicha isaa Daawudiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii Rabbii Allaah hin turre. Inni Daawudii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
20 Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate. 21 Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan. 22 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile.
23 Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 24 Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawud keessatti isaan biratti ni qabbarame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
25 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa kudha lammaffaatti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe. 26 Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte. 27 Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii.
28 Ahaaziyaanis Yooraam ilma Ahaab wajjin Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf Raamoot Giliʼaaditti duule. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan; 29 kanaafuu Yehooraam mootichi madaa warri Arraam yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe.
Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.