Publicidade

2 Reis 4

Zayitii Haadha Hiyyeessaa Tokkoo

1 Niitiin namicha ilmaan nabiiʼiyyootaa keessaa tokko taʼe tokkoo sagalee ol fudhattee Al-yaasaʼaan akkana jette; "Dhirsi koo garbichi kee duʼeera; akka inni Rabbii Allaah sodaachaa ture atuu ni beekta. Namichi liqii isa irraa qabu tokko garuu amma ilmaan koo lamaan fudhatee garboomfachuuf dhufaa jira."

2 Al-yaasaʼaanis, "Ani akkamittin si gargaaruu dandaʼa? Mee natti himi; mana kee keessaa maal qabdaa?" jedheen.

Isheenis, "Garbittiin kee zayitii xinnoo tokko malee homaa manaa hin qabdu" jettee deebifte.

3 Al-yaasaʼaan akkana jedheen; "Dhaqiitii warra ollaa keetii hunda okkotee duwwaa hedduu kadhadhu. Muraasa hin kadhatin. 4 Ergasii ol galiitii ofii keetii fi ilmaan keetti balbala cufi. Okkotee hundatti zayitii naqiitii yommuu tokkoon tokkoon isaa guutamutti jalaa hiiqsi."

5 Isheenis isa biraa deemtee ofii isheettii fi ilmaan isheetti balbala cufte. Ilmaan ishee okkotee gara isheetti fidan; isheen immoo zayitii itti naqaa turte. 6 Okkoteen hundi guutamnaan isheen ilma isheetiin, "Kan biraa naaf fidi" jette.

Inni immoo, "Okkoteen tokko iyyuu hin hafne" jedhee deebiseef. Kana irratti zayitiin sun yaaʼuu dhiise.

7 Isheen dhaqxee nama Allaaha sanatti himte; innis, "Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu" jedhe.

Mucaan Dubartii Suunam Tokkoo Duʼaa Kaafamuu Isaa

8 Gaaf tokko Al-yaasaʼaan kaʼee Suunam dhaqe. Dubartiin soorettiin tokko achi jiraatti turte; isheenis akka inni goree waa nyaatuuf Al-yaasaʼaa kadhatte. Kanaafuu inni yeroo karaa sanaan darbu hunda goree waa nyaata ture. 9 Isheenis dhirsa isheetiin akkana jette; "Ani namichi yeroo hunda karaa keenyaan darbu kun qulqulluu nama Allaaha akka taʼe nan beeka. 10 Kottu mee bantii manaa irratti kutaa xinnaa tokko ijaarree siree fi minjaala, barcumaa fi ibsaa achi keessa haa keenyuuf. Ergasiis inni yeroo nu bira dhufu hunda achi jiraachuu dandaʼa."

11 Al-yaasaʼaanis gaaf tokko dhufee ol baʼee kutaa isaa sana keessa ciise. 12 Innis tajaajilaa isaa Gehaaziin, "Mee dubartii Suunam sana as waami" jedhe. Gehaaz ishee waamnaan isheen dhuftee fuula Al-yaasaʼaa dura dhaabatte. 13 Al-yaasaʼaan immoo akkana isaan jedhe; " ‘Ati nuuf jettee baayʼee dadhabdeerta. Amma maal siif haa godhu? Iddoo kee buunee mootichatti yookaan ajajaa loltootaatti siif dubbannuu?’ jedhii isheetti himi."

Ishee immoo, "Ani saba koo gidduun jiraadha" jettee deebifte.

14 Al-yaasaʼaanis, "Maaltu isheef godhamuu dandaʼa?" jedhee gaafate.

Gehaaz immoo, "Isheen ilma hin qabdu; dhirsi ishees dulloomee jira" jedheen.

15 Al-yaasaʼaanis, "Ishee waami" jedheen. Kanaafuu inni ishee waame; isheenis balbala dura dhaabatte. 16 Al-yaasaʼaan, "Ati waggaa dhufu keessa yeroo kanatti ilma ni hammatta" jedheen.

Isheen immoo, "Akkas miti yaa gooftaa koo; yaa nama Allaaha, ati garbittii kee hin gowwoomsin!" jette.

17 Dubartiin sun garuu ni ulfoofte; akkuma Al-yaasaʼaan isheetti hime sanatti waggaa itti aanu keessa yeruma sanatti ilma deesse.

18 Mucaan sunis ni guddate; innis gaaf tokko gara warra midhaan haamanii abbaa isaa bira dhaqe. 19 Innis abbaa isaatiin, "Mataa koo! Mataa koo!" jedhe.

Abbaan isaa immoo hojjetaa tokkoon, "Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi" jedhe. 20 Erga hojjetaan sun fuudhee gara haadha isaati isa geessee booddee mucaan sun hamma saafaatti gudeeda haadha isaa irra taaʼee ergasii immoo ni duʼe. 21 Isheen ol baatee siree nama Allaaha sanaa irra isa ciibsite; mana itti cuftees kaatee biraa deemte.

22 Isheen dhirsa ishee waamtee, "Mee akka ani dafee gara nama Allaaha dhaqee deebiʼuuf hojjetaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi" jetteen.

23 Inni immoo, "Harʼa ayyaana baatii miti yookaan Sanbata miti. Ati maaliif harʼa gara isaa dhaqxa ree?" jedheen.

Isheen, "Nagumaafin dhaqa" jette.

24 Isheenis harree ishee irra kooraa kaaʼattee hojjetaa isheetiin, "Karaa qabadhu; yoo ani sitti hime malee anaaf jettee suuta hin deemsisin" jette. 25 Kanaafuu isheen kaatee gara Tulluu Qarmeloos nama Allaaha sana bira dhaqxe.

Namni Allaaha sun fagootti ishee arginaan tajaajilaa isaa Gehaaziin akkana jedhe; "Ilaa! Dubartiin Suunam sun kuunnoo ti! 26 Fiigii ishee simadhuutii, ‘Ati fayyumaa? Dhirsi kee fayyumaa? Mucaan kee fayyumaa?’ jedhii gaafadhu."

Isheenis, "Wanni hundinuu naguma" jettee deebifte.

27 Isheen yommuu tulluu sana irratti nama Allaaha sana bira geessetti, jabeessitee miilla isaa qabatte. Gehaaz immoo gad dhiisisuuf dhufe; namni Allaaha sun garuu, "Ishee hin tuqin! Isheen gadda guddaa keessa jirti; Rabbii Allaahan garuu waan kana na dhokse; nattis hin himne" jedhe.

28 Isheenis, "Yaa gooftaa koo ani ilma si kadhadheeraa? Ani, ‘Na hin gowwoomsin’ siin hin jennee?" jetteen.

29 Kana irratti Al-yaasaʼaan Gehaaziin akkana jedhe; "Sabbataan mudhii kee hidhadhuutii, ulee koo harkatti qabadhuutii fiigi. Nama karaatti argite tokko illee hin dubbisin; yoo namni kam iyyuu si dubbise deebii hin kenniniif; ulee koos fuula mucaa sanaa irra kaaʼi."

30 Haati daaʼima sanaa garuu, "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani si dhiisee hin deemu" jette. Kanaafuu inni kaʼee ishee duukaa buʼe.

31 Gehaaz isaan dura darbee ulee sana fuula mucaa irra kaaʼe; garuu sagaleen yookaan mallattoon tokko iyyuu hin turre. Kanaaf Gehaaz gara Al-yaasaʼaatti deebiʼee, "Mucaan hin dammaqne" jedhee itti hime.

32 Yommuu Al-yaasaʼaan mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture. 33 Al-yaasaʼaanis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe. 34 Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe. 35 Al-yaasaʼaan achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate.

36 Al-yaasaʼaanis Gehaazin waamee, "Dubartii Suunam sana as waami" jedhe. Innis ishee waame. Al-yaasaʼaan yommuu isheen gara isaa dhuftetti, "Kunoo mucaa kee fudhadhu" jedheen. 37 Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate.

Duʼa Okkotee Keessaa

38 Al-yaasaʼaanis kaʼee Gilgaalitti deebiʼe; yeroo sanatti biyya sana keessa beelatu ture. Innis utuu waldaan nabiiʼiyyootaa fuula isaa dura taaʼaa jiranii tajaajilaa isaatiin, "Okkotee guddicha ibiddaa irra kaaʼiitii namoota kanaaf ittoo bilcheessi" jedhe.

39 Isaan keessaa namni tokko raafuu funaannachuuf gad baʼee wayinii bosonaa tokko arge. Wayinii bosonaa sana irraa wiillee ciree dachaa uffata isaa guuttate. Yeroo deebiʼettis buqqee sana murmuree okkotee ittoo sanatti naqe. Namni tokko iyyuu waan sana hin beeku tureetii. 40 Ittoon sunis jaraaf dhiʼeeffame; isaan garuu akkuma nyaachuu jalqabaniin, "Yaa nama Allaaha, okkotee kana keessa duʼatu jira!" jedhanii iyyan. Isaanis ittoo sana nyaachuu hin dandeenye.

41 Al-yaasaʼaan, "Daakuu wayii naa fidaa" jedhe. Daakuu sanas okkoteetti naqee, "Akka nyaataniif namootaaf dhiʼeessaa" jedhe. Ergasii wanni nama miidhu tokko iyyuu okkotee sana keessatti hin argamne.

Al-yaasaʼaan Nama Dhibba Tokko Soore

42 Namichi tokko buddeena garbuu kan mataa midhaan bilchaatee irraa tolfame digdamaa fi asheetii midhaanii nama Allaaha sanaaf fidee Baʼaal Shaaliishaadhaa dhufe. Al-yaasaʼaanis, "Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni" jedhe.

43 Tajaajilaan isaa immoo, "Ani akkamiinan waan kana nama dhibba tokko duratti dhiʼeessuu dandaʼa?" jedhee gaafate.

Al-yaasaʼaan garuu, "Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni. Rabbii Allaahan akkana jedhaatii; ‘Isaan nyaatanii hambaa illee ni qabaatu’ " jedhee deebise. 44 Innis fuudhee isaan duratti dhiʼeesse; isaanis akkuma dubbii Rabbii Allaah sanaatti nyaatanii hambaa hambisan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-