Publicidade

Deuteronômio 18

Qooda Lubootaatii fi Lewwotaa

1 Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii. 2 Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti Rabbii Allaahan dhaala isaaniitii.

3 Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti. 4 Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda; 5 kunis sababii Rabbii Allaahan kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Rabbii Allaahatiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.

6 Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Rabbii Allaahan filatu dhufe, 7 innis akkuma Lewwota fuula Rabbii Allaah dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Rabbii Allaah isaatiin haa tajaajilu. 8 Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.

Hojiiwwan Jibbisiisoo

9 Ati yommuu biyya Rabbii Allaahan kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin. 10 Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun, 11 yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin. 12 Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula Rabbii Allaah duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis Rabbii Allaahan fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa. 13 Ati fuula Rabbii Allaah keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.

Nabiiʼiyyii

14 Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu Rabbii Allaahan kee siif hin eeyyamamne. 15 Rabbii Allaahan kee obboloota kee keessaa nabiiʼiyyii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda. 16 Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, "Ani akka hin duuneef lammata sagalee Rabbii Allaah kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu" jettee Rabbii Allaahan, Allaah keetiin kadhatte kanaatii.

17 Rabbii Allaahan akkana naan jedhe: "Wanni isaan jedhan gaarii dha. 18 Ani nabiiʼiyyii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima. 19 Nama dubbii koo kan nabiiʼiyyiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha. 20 Garuu nabiiʼiyyiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqeffatamtoota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu."

21 Ati garaa keetti, "Nu dubbii Rabbii Allaahan nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?" jetta taʼa. 22 Yoo wanni nabiiʼiyyiin tokko maqaa Rabbii Allaahatiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Rabbii Allaahan hin dubbatinii dha. Nabiiʼiyyiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-