Publicidade

Deuteronômio 9

Sababii Qajeelummaa Israaʼeliif Miti

1 Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa shamaayʼun gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta. 2 Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, "Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?" jedhamu illee dhageesseerta. 3 Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Rabbii Allaah kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Rabbii Allaahan si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.

4 Erga Rabbii Allaahan kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, "Rabbii Allaahan sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide" hin jedhin. Rabbii Allaahan sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa. 5 Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin Rabbii Allaahan kakuu abbootii kee Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif gale sana guutuudhaaf jedhee Rabbii Allaahan kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa. 6 Egaa Rabbii Allaahan kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii.

Jabbii Warqee

7 Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti Rabbii Allaah kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti Rabbii Allaahatti fincilaa turte. 8 Isin Kooreebitti iyyuu Rabbii Allaah dheekkamsaaf kakaasnaan Allaahan isin barbadeessuuf isinitti aare. 9 Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu Rabbii Allaahan isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne. 10 Rabbii Allaahanis gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Allaahatiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan Rabbii Allaahan yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan.

11 Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti Rabbii Allaahan gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne. 12 Gaafas Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Allaah baqfamee hojjetame tolfataniiruutii."

13 Rabbii Allaahan ammas akkana naan jedhe; "Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa! 14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee shamaayʼun gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha."

15 Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan. 16 Anis nan arge; kunoo isin Rabbii Allaah keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Allaah baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa Rabbii Allaahan isin ajaje irraa jalʼattan. 17 Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse.

18 Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula Rabbii Allaah duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture. 19 Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa Rabbii Allaah nan sodaadhe. Rabbii Allaahan garuu amma illee na dhagaʼe. 20 Rabbii Allaahan Haaruunin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Haaruuniifis duʼaa nan godhe. 21 Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse.

22 Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti Rabbii Allaah dheekkamsiiftan.

23 Rabbii Allaahan yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, "Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa" isiniin jedhe. Isin garuu ajaja Rabbii Allaah keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis. 24 Isin erga ani isin beekee jalqabdanii Rabbii Allaahatti finciltaniirtu.

25 Sababii Rabbii Allaahan akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula Rabbii Allaah duratti lafatti nan gombifame. 26 Anis akkana jedheen Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe; "Rabbii Allaah Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin. 27 Garboota kee Ibraahim, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin. 28 Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘Rabbii Allaahan waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha. 29 Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-