Publicidade

Deuteronômio 5

Ajajawwan Kurnan

1 Muusaan Israaʼeloota hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe:

Yaa Israaʼel ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa utuma isin dhageessanuu labsu kana dhagaʼaa. Baradhaatii jabeessaa isaan duukaa buʼaa. 2 Rabbii Allaahan keenya Kooreebitti nu wajjin kakuu gale. 3 Rabbii Allaahan kakuu kana nu wajjin, nu warra harʼa lubbuudhaan as jiraannu hunda wajjin gale malee abbootii keenya wajjin hin galle. 4 Rabbii Allaahan tulluu irratti ibidda keessaa ifaan ifatti isinitti dubbate. 5 Yeroo sanatti waan isin ibidda sodaattanii tulluutti ol hin baʼiniif ani dubbii Rabbii Allaah isinitti himuuf isinii fi Rabbii Allaahan gidduun dhaabadhe.

Innis akkana jedhe:

6 "Ani Rabbii Allaah kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.

7 "Ati ana malee waaqeffatamtoota biraa tokko illee hin qabaatin.

8 Ati bifa waan ol shamaayʼun gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqeffatamaa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin. 9 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Rabbii Allaahan kee, Allaah hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee 10 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.

11 Maqaa Rabbii Allaah keetii akkasumaan hin dhaʼin; Rabbii Allaahan warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.

12 Akkuma Rabbii Allaahan kee si ajajetti guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan eegi. 13 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; 14 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Rabbii Allaah keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan. 15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi ergasii immoo Rabbii Allaahan kee harka jabaa fi irree diriirfameen achii si baase yaadadhu. Kanaafuu Rabbii Allaahan kee akka ati Sanbata eegdu si ajaje.

16 Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Rabbii Allaahan kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

17 Hin ajjeesin.

18 Hin ejjin.

19 Hin hatin.

20 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.

21 Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin."

22 Ajajawwan Rabbii Allaahan tulluu gubbaatti, ibidda, duumessaa fi dukkana limixii keessa waldaa keessan guutuutti sagalee guddaadhaan labse kanneenii dha; wanni inni itti dabales hin jiru. Ergasiis inni ajajawwan sana gabateewwan dhagaa lama irratti barreessee natti kenne.

23 Yeroo isin utuu tulluun sun ibiddaan bobaʼuu dukkana keessaa sagalee sana dhageessanitti, hooggantoonni gosoota keessaniitii fi maanguddoonni keessan hundi gara koo dhufan. 24 Isinis akkana jettan; "Kunoo Rabbii Allaahan keenya ulfinaa fi guddina isaa nu argisiiseera; ibidda keessaas sagalee isaa nu dhageessiseera. Nu harʼa akka namni yoo Allaahan isatti dubbate illee jiraachuu dandaʼu argineerra. 25 Amma garuu nu maaliif duuna? Nu yoo sagalee Rabbii Allaah keenyaa deebinee dhageenye ni duuna; ibiddii guddaan kunis nu barbadeessa. 26 Nama duʼaa hin oolle hunda keessaa eenyutu takkumaa sagalee Allaah jiraataa ibidda keessaa dubbatuu dhagaʼee akka nu dhageenyee jiraanne kana utuu hin duʼin hafe? 27 Itti dhiʼaadhuutii waan Rabbii Allaahan keenya jedhu hunda dhagaʼi. Ergasii immoo waan Rabbii Allaahan keenya sitti himu hunda nutti himi. Nu ni dhaggeeffannaa; ni ajajamnas."

28 Rabbii Allaahan yommuu isin natti dubbattanitti isin dhagaʼeera; Rabbii Allaahanis akkana naan jedhe; "Ani waan namoonni kunneen siin jedhan dhagaʼeera. Wanni isaan jedhan hundinuu gaarii dha. 29 Akka hamma bara baraatti isaanii fi ijoollee isaaniitti toluuf isaan utuu yeroo hunda garaa na sodaatee ajaja koo hunda eegu qabaatanii akkam gaarii ture!

30 "Dhaqiitii, ‘Dunkaana keessanitti deebiʼaa’ jedhiin. 31 Ati garuu asuma na bira turi. Ani ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan ati akka isaan biyya ani dhaala godhee isaaniif kennu keessatti eeganiif isaan barsiiftu hunda sitti nan hima."

32 Kanaafuu waan Rabbii Allaahan keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa. 33 Akka biyya dhaaltan keessa jiraachuu dandeessan, akka isinitti tolee umurii dheeraa illee qabaattaniif karaa Rabbii Allaahan keessan isin ajaje hunda irra deemaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-