Publicidade

Mateus 14

Ajjeefamuu Yahyaa

1 Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Iisaa dhagaʼe; 2 innis tajaajiltoota isaatiin, "Kun Yahyaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma" jedhe.

3 Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yahyaa qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii. 4 Kunis sababii Yahyaan Heroodisiin, "Ati ishee fuudhuun kee seera miti" jechaa tureef. 5 Inni immoo Yahyaa ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yahyaa akka nabiiʼiyyiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate.

6 Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte; 7 kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale. 8 Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, "Mataa Yahyaa gabatee irra kaaʼii naa kenni" jette. 9 Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje; 10 innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yahyaa isa irraa kute. 11 Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite. 12 Barattoonni Yahyaas dhufanii reeffa isaa fuudhanii qabbaran. Isaanis dhaqanii Iisaatti himan.

Iisaan Nama Kuma Shan Sooruu Isaa

13 Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan. 14 Iisaan yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.

15 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.

16 Iisaan garuu, "Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

17 Isaanis, "Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna" jedhanii deebisan.

18 Iisaanis, "Isuma natti fidaa" jedhe. 19 Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan. 20 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 21 Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.

Iisaan Bishaan irra Deeme

22 Iisaan yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise. 23 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee duʼaa gochuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture; 24 yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.

25 Iisaanis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. 26 Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, "Kun ekeraa dha" jedhanii iyyan.

27 Iisaan garuu yommusuma, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee isaanitti dubbate.

28 Phexros immoo, "Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji" jedhee deebiseef.

29 Iisaanis, "Kottu" jedheen.

Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Iisaa dhufe. 30 Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, "Yaa Gooftaa na oolchi!" jedhee iyye.

31 Iisaan yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, "Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?" jedheen.

32 Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe. 33 Warri bidiruu sana keessa turanis, "Ati dhuguma Ilma Allaaha ti!" jedhanii isaaf sagadan.

34 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan. 35 Namoonni iddoo sanaas yommuu Iisaa beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan; 36 akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-