1 Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Iisaa ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan. 2 Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan.
3 Yihuudaan inni Iisaa dabarsee kenne sun yommuu akka Iisaatti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise. 4 Innis, "Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera" jedhe.
Isaanis deebisanii, "Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!" jedhaniin.
5 Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise.
6 Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, "Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti" jedhan. 7 Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo qabrii taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan. 8 Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, "Lafa Dhiigaa" jedhamee waamama. 9 Kanaanis wanni Ermiyaas nabiiʼiyyichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; "Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii, 10 akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan."
11 Yeroo sanatti Iisaan fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, "Ati mootii Yihuudootaatii?" jedhee isa gaafate.
Iisaan immoo, "Atuu jette kaa!" jedhee deebise.
12 Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine. 13 Phiilaaxoosis, "Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?" jedhee isa gaafate. 14 Iisaan garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.
15 Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture. 16 Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture. 17 Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, "Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Iisaa isa Al-Masiihii jedhamu sana?" jedhee isaan gaafate. 18 Akka isaan hinaaffaadhaan Iisaa dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
19 Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, "Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii" jettee itti dhaamte.
20 Luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni garuu akka Barabbaas gad dhiifamee, Iisaan immoo ajjeefamu akka isa kadhataniif namoota sossoban.
21 Bulchaan sun, "Isaan lamaan kanneen keessaa akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu?" jedhee ammas gaafate.
Isaanis, "Barabbaasin" jedhanii deebisan.
22 Phiilaaxoosis, "Iisaa isa Al-Masiihii jedhamu immoo ani maal godhu ree?" jedhee gaafate.
Hundi isaaniis, "Isa fannisi!" jedhanii deebisan.
23 Phiilaaxoos immoo, "Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?" jedhee gaafate.
Isaan garuu ittuma caalchisanii, "Isa fannisi!" jedhanii iyyan.
24 Phiilaaxoos yommuu akka wanni kun goolii kaasuu malee faayidaa tokko illee hin qabne argetti, "Ani dhiiga nama kanaa irraa qulqulluu dha; isintu itti gaafatama!" jedhee bishaan fudhatee fuula namootaa duratti harka isaa dhiqate.
25 Namoonni hundinuus, "Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa gaʼu!" jedhanii deebisan.
26 Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Iisaan garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
27 Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Iisaa mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Iisaatti walitti qaban. 28 Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan; 29 gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, "Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!" jedhanii isatti qoosan. 30 Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan. 31 Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
32 Utuu gad baʼanuus namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko arganii akka inni fannoo sana baatuuf isa dirqisiisan. 33 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun "Iddoo buqqee mataa" jechuu dha. 34 Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide. 35 Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan. 36 Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan. 37 Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis,
Kun Iisaa Mooticha Yihuudootaa ti,
jedha.
38 Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman. 39 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, 40 "Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Allaaha taate fannoo irraa gad buʼi!" jedhan. 41 Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan; 42 "Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii. 43 Inni Allaah amanata; Allaahan yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Allaaha ti’ jedheeraatii." 44 Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
45 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. 46 Gara Saʼaatii sagaliitti Iisaan sagalee guddaadhaan, "Eloohee, Eloohee, laamaa sabaqtaanii?" jedhee iyye; hiikkaan isaas, "Yaa Allaah ko, yaa Allaah ko, ati maaliif na dhiifte?" jechuu dha.
47 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, "Namichi kun Iliyaasin waama" jedhan.
48 Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Iisaaf kenne. 49 Warri kaan garuu, "Mee isa dhiisaa. Akka Iliyaas dhufee isa oolchu arginaatii" jedhan.
50 Iisaan ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
51 Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan. 52 Qabriiwwanis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman. 53 Isaanis duʼaa kaʼuu Iisaa booddee qabrii keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.
54 Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Iisaa eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, "Dhugumaanuu inni Ilma Allaaha ture!" jedhan.
55 Dubartoonni Iisaa tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan. 56 Isaan keessaas Mariyaam ishee Magdalaa, Mariyaam haadha Yaaʼikuubii fi Yuusuf, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan.
57 Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yuusuf jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Iisaa ture. 58 Innis gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Iisaa kadhate; Phiilaaxoosis akka reeffi sun isaaf kennamu ajaje. 59 Yuusufis reeffa sana fudhatee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluudhaan kafane; 60 innis qabrii ofii isaa kan garaa kattaa keessatti qotate haaraa tokko keessa kaaʼe. Dhagaa guddaa tokkos balbala qabrii sanaatti gangalchee biraa deeme. 61 Mariyaam isheen Magdalaatii fi Mariyaam isheen kaan fuullee qabrii sanaa tataaʼaa turan.
62 Guyyaa itti aanutti jechuunis guyyaa qophii booddee luboonni hangafoonnii fi Fariisonni fuula Phiilaaxoos duratti walitti qabaman. 63 Isaanis akkana jedhan; "Gooftaa! Akka namichi gowwoomsaan sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Ani guyyaa sadii booddee duʼaa nan kaʼa’ jedhe nu ni yaadanna. 64 Kanaafuu akka qabriin sun hamma guyyaa sadaffaatti eegamu ajaji. Yoo kun taʼuu baate barattoonni isaa dhaqanii reeffa isaa hatanii, ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera’ jedhanii namatti odeessu. Gowwoomsaan dhumaa kun immoo isa duraa caalaa ni hammaata."
65 Phiilaaxoosis deebisee, "Waardiyyaa fudhadhaa dhaqaatii akkuma beektanitti qabrii sani eegsifadhaa" jedheen. 66 Kanaaf isaan dhaqanii dhagicha irratti mallattoo godhan; waardiyyaas ramadanii qabrii sana eegsisan.