Publicidade

Mateus 8

Namicha Lamxaaʼaa

1 Yeroo Iisaan gaara irraa buʼetti, tuuta namoota baayʼeetu isa duukaa buʼe. 2 Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, "Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedheen.

3 Iisaanis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe. 4 Ergasiis Iisaan, "Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Muusaan ajaje sana illee dhiʼeessi" jedheen.

Amantii Ajajaa Dhibbaa

5 Yeroo Iisaan Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate; 6 "Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira."

7 Iisaanis, "Ani dhufeen isa fayyisa" jedheen.

8 Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 9 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta."

10 Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne. 11 Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Ibraahim, Yisihaaqii fi Yaaʼikuub wajjin mootummaa shamaayʼun keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu. 12 Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa."

13 Iisaanis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, "Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!" jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye.

Iisaan Nama Hedduu Fayyisuu Isaa

14 Iisaan yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge. 15 Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde.

16 Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. 17 Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas nabiiʼiyyichaatiin,

"Inni dhibee keenya nurraa fuudhe;

dhukkuba keenyas ni baate"

jedhame sun raawwatamuuf taʼe.

Gatii Iisaa Duukaa Buʼuun Nama Baasisu

18 Iisaan yommuu tuuta namoota baayʼee naannoo isaatti argetti akka gama ceʼaniif ajaje. 19 Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, "Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa" jedhe.

20 Iisaanis deebisee, "Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu" jedhe.

21 Barattoota isaa keessaas inni tokko, "Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo qabbaradhu naa eeyyami!" jedheen.

22 Iisaan garuu, "Warri duʼan duʼaa isaanii haa qabbaratan; ati immoo na duukaa buʼi" jedheen.

Iisaan Bubbee Jabaa Gab gochuu Isaa

23 Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan. 24 Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Iisaan garuu rafaa ture. 25 Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, "Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!" jedhanii isa dammaqsan.

26 Innis deebisee, "Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?" jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

27 Namoonnis dinqifatanii, "Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?" jedhan.

Iisaan Namoota Hafuura Hamaan Qabaman Fayyisuu Isaa

28 Yommuu Iisaan gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo qabriitii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. 29 Isaanis, "Yaa Ilma Allaaha, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?" jedhanii iyyan.

30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. 31 Hafuuronni hamoon sunis, "Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi" jedhanii Iisaa kadhatan.

32 Innis, "Dhaqaa!" jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. 33 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan. 34 Magaalaan sun guutuunis Iisaa arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-