1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Iisaan barattoota lama erge; 2 akkanas isaaniin jedhe; "Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa. 3 Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga."
4 Kunis akka wanni karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
5 "Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa;
‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee,
harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis
harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ "
6 Barattoonnis dhaqanii akkuma Iisaan isaan ajaje godhan. 7 Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Iisaanis isaan irra taaʼe. 8 Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan. 9 Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii,
"Hoosaaʼinaa Ilma Daawudiif!"
"Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"
"Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!" jedhan.
10 Yommuu Iisaan Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, "Kun eenyu?" jette.
11 Tuunni sun immoo, "Kun Iisaa, nabiiʼiyyicha Naazreeti Galiilaati" jedhee deebise.
12 Iisaan mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. 13 Innis, " ‘Manni koo mana itti duʼaa godhan jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu" isaaniin jedhe.
14 Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise. 15 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, "Hoosaaʼinaa ilma Daawudiif" jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.
16 Isaanis, "Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?" jedhanii isa gaafatan.
Iisaan immoo, "Eeyyee;" isin waan,
" ‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’
jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?"
jedhee deebise.
17 Innis isaan biraa deemee magaalaa sanaa baʼe; Biitaaniyaa dhaqee achi bule.
18 Iisaan ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe. 19 Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, "Iji bara baraan sirratti hin argamin!" jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge.
20 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, "Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?" jedhanii gaafatan.
21 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa. 22 Isin yoo amantii qabaattan waan duʼaadhaan gaafattan hunda ni argattu."
23 Utuu Iisaan mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, "Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?" jedhanii gaafatan.
24 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima. 25 Cuuphaan Yahyaa eessaa dhufe? Shamaayʼun irraa moo nama biraa dhufe?"
Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; "Yoo nu, ‘Shamaayʼunii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha. 26 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yahyaa akka nabiiʼiyyiitti ilaaluutii."
27 Kanaaf isaan, "Hin beeknu!" jedhanii Iisaaf deebisan.
Inni immoo akkana jedhe; "Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu."
28 "Maal seetu? Nama ilmaan lama qabu tokkotu ture; innis gara ilma isaa hangafaa dhaqee, ‘Yaa ilma ko, harʼa dhaqiitii iddoo dhaabaa wayinii keessa hojjedhu’ jedheen.
29 "Ilmi sunis deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
30 "Namichis gara ilma isaa isa kaanii dhaqee akkasuma jedheen. Ilmi isaa sunis, ‘Yaa gooftaa nan dhaqa’ jedhee deebiseef; garuu hin dhaqne.
31 "Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?"
Isaanis, "Isa jalqabaa ti" jedhan.
Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Allaahatti ni galu. 32 Yahyaan karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
33 "Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe. 34 Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate.
35 "Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman. 36 Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan. 37 Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate.
38 "Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan. 39 Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
40 "Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa yommuu dhufutti qottuuwwan sana maal godhinna laata?"
41 Isaanis, "Inni namoota hamoo sana haala hamaadhaan ni balleessa; iddoo dhaabaa wayinii sanas qottuuwwan yeroo midhaan walitti qabamutti qooda midhaan isaa kennaniif kanneen biraatti dabarsee ni kenna" jedhanii deebisan.
42 Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti,
" ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan,
dhagaa golee taʼeera;
kanas Gooftaatu godhe;
kun immoo ija keenyatti dinqii dha’ jedhu sana
gonkumaa hin dubbifnee?
43 "Kanaafuu ani isinittin hima; mootummaan Allaaha isin irraa fudhatamee saba ija isaa godhatutti ni kennama. 44 Namni dhagaa kana irratti kufu kam iyyuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama."
45 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yommuu fakkeenyawwan Iisaa dhagaʼanitti akka inni waaʼee isaanii dubbate beekan. 46 Isaanis isa qabuu barbaadan; garuu sababii namoonni Iisaa akka nabiiʼiyyiitti ilaalaa turaniif namoota sana sodaatan.