Publicidade

Mateus 26

Marii Iisaatti Mariʼatame

1 Iisaan erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe; 2 "Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama."

3 Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman. 4 Isaanis haxxummaadhaan Iisaa qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan. 5 Isaanis, "Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin" jedhan.

Iisaan Biitaaniyaatti Shittoo Dibamuu Isaa

6 Utuu Iisaan Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu, 7 dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.

8 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; "Waan kana balleessuun maaliif? 9 Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii."

10 Iisaanis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; "Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 11 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 12 Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti qabriif na qopheessuudhaaf waan kana goote. 13 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo injiilli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama."

Yihuudaan Iisaa Dabarsee Kennuuf Walii Galuu Isaa

14 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee, 15 "Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?" jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan. 16 Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Iisaa dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.

Irbaata Gooftaa

17 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?" jedhanii gaafatan.

18 Innis deebisee akkana jedhe; "Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa." 19 Barattoonnis akkuma Iisaan isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.

20 Iisaanis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate. 21 Innis utuma nyaachaa jiranuu, "Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna" jedhe.

22 Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, "Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?" jedhanii gaafachuu jalqaban.

23 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna. 24 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture."

25 Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, "Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?" jedhe.

Iisaanis, "Atuu jette kaa!" jedhee deebise.

26 Utuu nyaachaa jiranuus Iisaan buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, "Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti" jedhee barattoota isaatiif kenne.

27 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; "Hundi keessan kana irraa dhugaa. 28 Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha. 29 Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu."

30 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.

Iisaan Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee Dubbate

31 Ergasii Iisaan akkana isaaniin jedhe; "Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:

" ‘Ani tiksee nan rukuta;

hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’

32 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa."

33 Phexros immoo deebisee, "Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu" jedheen.

34 Iisaan immoo deebisee, "Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta" jedheen.

35 Phexros garuu, "Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu" jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.

Geetesemaanee

36 Ergasiis Iisaan barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, "Hamma ani achi dhaqee duʼaa godhutti isin as taaʼaa" jedheen. 37 Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe. 38 Ergasiis inni, "Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa" jedheen.

39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, "Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin" jedhee duʼaa godhe.

40 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; "Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee? 41 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."

42 Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, "Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu" jedhee duʼaa godhe.

43 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. 44 Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura duʼaa godhe sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa duʼaa godhate.

45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; "Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama. 46 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira."

Iisaan Qabamuu Isaa

47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe. 48 Inni dabarsee Iisaa kennu sunis, "Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa" jedhee mallattoo kenneefii ture. 49 Yihuudaanis yommusuma Iisaatti dhiʼaatee, "Nagumaa yaa barsiisaa!" jedhee isa dhungate.

50 Iisaanis deebisee, "Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!" jedhe.

Namoonni sun itti dhiʼaatanii Iisaa qabanii hidhan. 51 Kunoo, warra Iisaa wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.

52 Iisaan immoo akkana jedheen; "Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii. 53 Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana malaʼikkoota Allaaha Leegewoonii Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa? 54 Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?"

55 Saʼaatii sanatti Iisaan tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne. 56 Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan nabiiʼiyyootaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe." Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.

Iisaan Yaaʼii Yihuudootaa Duratti

57 Warri Iisaa qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan. 58 Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.

59 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Iisaa ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan. 60 Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne.

Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii, 61 "Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Allaaha diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera" jedhan.

62 Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, "Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?" jedhee Iisaa gaafate. 63 Iisaan garuu inuma calʼise.

Lubichi ol aanaan, "Ani Allaah jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Al-Masiihii Ilma Allaaha taate mee nutti himi" jedheen.

64 Iisaanis deebisee, "Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa shamaayʼuniitiin dhufuu ni argitu" jedhe.

65 Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; "Inni Allaah arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Allaah arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu. 66 Maal isinitti fakkaata?"

Isaanis, "Duʼatu isaaf mala" jedhanii deebisan.

67 Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii, 68 "Yaa Al-Masiihii! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu" jedhaniin.

Phexros Iisaa Ganuu Isaa

69 Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, "Atis Iisaa namicha Galiilaa sana wajjin turte!" jetteen.

70 Inni garuu, "Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku" jedhee hunduma isaanii duratti gane.

71 Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, "Namichi kun Iisaa nama Naazreeti wajjin ture" jettee warra achi turanitti himte.

72 Innis kakatee, "Ani namicha kana hin beeku!" jedhee ammas gane.

73 Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, "Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii" jedhan.

74 Yommus inni, "Ani namicha kana hin beeku" jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.

Yommusuma indaanqoon iyye. 75 Phexrosis dubbii Iisaan, "Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta" jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-