Publicidade

Mateus 11

Iisaa fi Yahyaa

1 Iisaan erga barattoota isaa kudha lamaaniif ajaja kennuu raawwatee booddee magaalaawwan Galiilaa keessatti barsiisuu fi lallabuuf jedhee achii kaʼee karaa isaa itti fufe.

2 Yahyaan mana hidhaa taaʼee yommuu waan Al-Masiihiin hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee, 3 "Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?" jedhee isa gaafate.

4 Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yahyaatti himaa; 5 jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis injiilli ni lallabama. 6 Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha."

7 Akkuma barattoonni Yahyaa baʼanii qajeelaniin, Iisaan akkana jedhee waaʼee Yahyaa namootatti himuu jalqabe; "Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo? 8 Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatan masaraa moototaa jiru. 9 Yoos maal arguu baatan ree? Nabiiʼiyyii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan nabiiʼiyyii iyyuu caalu. 10 Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha.

" ‘Kunoo, ani malaʼikkaa koo isa fuula kee duraan

karaa kee qopheessu, si dura nan erga.’

11 Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yahyaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa shamaayʼun keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala. 12 Mootummaan shamaayʼun bara Yahyaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu. 13 Nabiiʼiyyoonni hundinuu, Seerris hamma Yahyaatti raajii dubbataniiruutii. 14 Isinis kana fudhachuuf yoo fedhii qabaattan, inni Iliyaas isa dhufuuf jiruu dha. 15 Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.

16 "Ani dhaloota kana maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa? Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii warra kaan waamanii akkana jedhanii ti:

17 " ‘Nu ulullee isinii afuufne;

isin garuu hin sirbine;

faaruu booʼichaas faarsine;

isin garuu hin boonye.’

18 Yahyaan yeroo dhufetti hin nyaatu, hin dhugus tureetii; isaan immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jedhu. 19 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti."

Magaalaawwan Qalbii Hin Jijjiirranneef Wayyoo

20 Ergasii Iisaan sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe. 21 "Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee, isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraas ofitti firfirsanii qalbii jijjiirratu turan. 22 Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata. 23 Atis yaa Qifirnaahom, hamma shamaayʼuniitti ol kaafamtaa? Lakki, siiʼoolitti gad buuta. Hojiin dinqii kan si keessatti hojjetame sun utuu Sodoom keessatti hojjetamee jiraatee, isheen silaa hamma harʼaatti ni jiraatti turte. 24 Ani garuu sittin hima; guyyaa murtiitti sirra Sodoomiif ni salphata."

Boqonnaa Abdachiifame

25 Iisaan yeroo sana akkana jedhe; "Yaa Abbaa, Gooftaa shamaayʼuniitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. 26 Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.

27 "Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.

28 "Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. 29 Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. 30 Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-