1 Ergasii Iisaan akka ibliisiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. 2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. 3 Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, "Ati yoo Ilma Allaaha taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji" jedheen.
4 Iisaan immoo deebisee, " ‘Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
5 Ergasii ibliis gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. 6 Akkanas jedheen; "Ati yoo Ilma Allaaha taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
" ‘Inni malaʼikkoota isaa siif ni ajaja;
isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
harka isaaniitiin ol si fuudhu.’"
7 Iisaan immoo deebisee, " ‘Allaah kee Goofticha hin qorin’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
8 Ammas ibliis tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. 9 Akkanas jedheen; "Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna."
10 Iisaanis, "sheeyxaana nana, narraa fagaadhu! ‘Allaah kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’ jedhamee barreeffameeraatii" jedheen.
11 Ibliisis isa dhiisee deeme; malaʼikkoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
12 Iisaan yommuu akka Yahyaan mana hidhaatti galfame dhagaʼetti Galiilaatti deebiʼe. 13 Innis Naazreetii baʼee gara Qifirnaahom ishee biyya Zebuuloonii fi Niftaalem keessatti qarqara galaanaatti argamtu sanaa dhaqee achi jiraate; 14 kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas nabiiʼiyyichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; dubbichis akkana jedha:
15 "Biyyi Zebuuloonii fi biyyi Niftaalem
kanneen Yordaanos gama,
qarqara Daandii Galaanaa irra jiran,
Galiilaan Namoota Ormaas,
16 sabni dukkana keessa jiraatu,
ifa guddaa argeera;
warra biyya gaaddidduu duʼaa keessa jiraataniifis,
ifni baʼeera."
17 Iisaan yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.
18 Iisaan utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu, obboloota lama jechuunis Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaasin arge. Isaanis qurxummii qabdoota waan taʼaniif kiyyoo galaanatti darbachaa turan. 19 Iisaanis, "Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga" jedheen. 20 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
21 Innis utuu achii kaʼee deemuu obboloota gara biraa lama jechuunis Yaaʼikuub ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannisin arge. Isaanis abbaa isaanii Zabdewoos wajjin kiyyoo isaanii qopheeffachaa bidiruu keessa turan. Iisaanis isaan waame; 22 isaanis yommusuma bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
23 Iisaan manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, injiila mootummaa lallabaa, dhibee fi dhukkuba saba keessa jiru hunda fayyisaa Galiilaa guutuu keessa deeme. 24 Oduun waaʼee isaas Sooriyaa hunda keessatti dhagaʼame; namoonnis warra dhukkuba garaa garaatiin qabaman, warra dhukkuba hamaan dhiphatan, warra hafuura hamaan qabaman, warra dhukkuba gaggabdootiin dhiphatanii fi warra dhagni irratti duʼe isatti fidan; innis isaan fayyise. 25 Tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa, Magaalaa Kurnanii, Yerusaalemii, Yihuudaa fi biyya Yordaanos gamaatii isa duukaa buʼe.