1 Iisaan erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe. 2 Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise.
3 Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, "Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?" jedhanii gaafatan.
4 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’ hin dubbifnee? 5 Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’ 6 Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."
7 Isaanis, "Yoos Muusaan maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?" jedhanii isa gaafatan.
8 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Muusaan sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre. 9 Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata."
10 Barattoonni isaas, "Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya" jedhaniin.
11 Iisaanis akkana jedheen; "Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu. 12 Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa shamaayʼuniitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu."
13 Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee duʼaa isaaniif godhuuf ijoollee xixinnoo Iisaatti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan.
14 Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe. 15 Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.
16 Kunoo namichi tokko gara Iisaa dhufee, "Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?" jedhee gaafate.
17 Iisaan immoo, "Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi" jedhee deebise.
18 Namichis, "Ajajawwan kami?" jedhee gaafate.
Iisaan immoo akkana jedhee deebise; " ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; 19 abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’"
20 Dargaggeessi sunis, "Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?" jedheen.
21 Iisaanis, "Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedhee deebiseef.
22 Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.
23 Iisaanis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa shamaayʼuniitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. 24 Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Allaahatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."
25 Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" jedhanii gaafatan.
26 Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
27 Kana irratti Phexros, "Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?" jedhee deebise.
28 Iisaan immoo akkana isaaniin jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu. 29 Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala. 30 Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.