Publicidade

Mateus 17

Bifti Iisaa Geeddaramuu Isaa

1 Iisaan guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaʼikuubii fi Yohannis obboleessa Yaaʼikuub fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase. 2 Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate. 3 Kunoo Muusaa fi Iliyaas utuu Iisaa wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan.

4 Phexrosis Iisaan, "Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Muusaaf, tokko immoo Iliyaasiif asitti nan ijaara" jedhe.

5 Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!" jedhe.

6 Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 7 Iisaan garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, "Kaʼaa! Hin sodaatinaa" jedheen. 8 Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Iisaa malee nama tokko illee hin argine.

9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Iisaan, "Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa" jedhee isaan seerrate.

10 Barattoonnis, "Yoos barsiistonni seeraa maaliif Iliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?" jedhanii isa gaafatan.

11 Iisaan akkana jedhee deebise; "Dhugumaan, Iliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa. 12 Ani garuu isinittin hima; Iliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira." 13 Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yahyaa taʼe hubatan.

Gurbaa Gaggabdoodhaan Qabame Tokko

14 Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Iisaatti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate; 15 akkanas jedhe; "Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa. 16 Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye."

17 Iisaanis deebisee, "Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!" jedhe. 18 Iisaanis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.

19 Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Iisaa dhufanii, "Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?" jedhanii isa gaafatan.

20 Innis akkana jedhee deebise; "Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [21 Hafuurri hamaan akkanaa garuu soomaa fi duʼaadhaan malee hin baʼu."]

22 Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; "Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. 23 Isaanis isa ni ajjeesu; inni immoo guyyaa sadaffaatti ni kaafama." Barattoonnis akka malee gaddan.

Gibira Mana Qulqullummaa

24 Yommuu Iisaa fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, "Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?" jedhanii gaafatan.

25 Innis deebisee, "Ni kaffala" jedheen.

Iisaan yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, "Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?" jedhee gaafate.

26 Phexrosis deebisee, "Keessummoota irraa walitti qabu" jedhe.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Yoos ijoolleen isaanii bilisa. 27 Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-