Publicidade

Mateus 3

Lallaba Yahyaa

1 Bara sana Yahyaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; 2 innis, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhe. 3 Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas nabiiʼiyyichaatiin,

"Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa;

daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’

jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo"

jedhamee dubbatame sanaa dha.

4 Uffanni Yahyaa rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture. 5 Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. 6 Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.

7 Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; "Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? 8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. 9 Isin, ‘Abbaan keenya Ibraahimii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Allaahan dhagoota kanneen irraa Ibraahimiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. 10 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.

11 "Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. 12 Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba."

Cuuphamuu Iisaa

13 Iisaan ergasii Yahyaan cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe. 14 Yahyaan garuu, "Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?" jedhee isa dhowwe.

15 Iisaanis deebisee, "Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii" jedheen. Yahyaanis isa dhowwuu dhiise.

16 Iisaanis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma shamaayʼuniin banamee, utuu Hafuurri Allaaha akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge. 17 Sagaleen tokkos shamaayʼun irraa, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada" jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-