Publicidade

Mateus 1

Hidda Dhaloota Iisaa Al-Masiihii

1 Hiddi dhaloota Iisaa Al-Masiihii sanyii Daawud, sanyii Ibraahim taʼe sanaa kanaa dha:

2 Ibraahim Yisihaaqin dhalche;

Yisihaaq Yaaʼikuubin dhalche;

Yaaʼikuub Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;

3 Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche;

Faares Hezroonin dhalche;

Hezroon Arraamin dhalche;

4 Arraam Amiinaadaabin dhalche;

Abiinaadaab Nahishoonin dhalche;

Nahishoon Salmoonin dhalche;

5 Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche;

Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche;

Yoobeed Isseeyin dhalche;

6 Isseey Daawud Mooticha dhalche.

Daawud niitii Uuriyaa irraa Suleyimaanin dhalche;

7 Suleyimaan Rehooboʼaamin dhalche;

Rehooboʼaam Abiyaa dhalche;

Abiyaan Asaafin dhalche;

8 Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche;

Yosaafaax Yehooraamin dhalche;

Yooraam Uziyaan dhalche;

9 Uziyaan Yootaamin dhalche;

Yootaam Akaazin dhalche;

Akaaz Hisqiyaasin dhalche;

10 Hisqiyaas Minaasee dhalche;

Minaaseen Aamoonin dhalche;

Aamoon Yosiyaasin dhalche;

11 Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.

12 Boojuu Baabilon booddee,

Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche;

Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;

13 Zarubaabel Abiyuudin dhalche;

Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche;

Eliyaaqeem Azoorin dhalche;

14 Azoor Zaadoqin dhalche;

Zaadoq Akiimin dhalche;

Akiim Eliyuudin dhalche;

15 Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche;

Eleʼaazaar Maattaanin dhalche;

Maattaan Yaaʼikuubin dhalche;

16 Yaaʼikuub Yuusufin dhalche; Yuusuf kunis dhirsa Mariyaam ishee Iisaa isa Al-Masiihii jedhamu deesse sanaa ti.

17 Egaa walumaa galatti Ibraahimii hamma Daawuditti dhaloota kudha afur, Daawudii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Al-Masiihiitti dhaloota kudha afurtu ture.

Dhalachuu Iisaa Al-Masiihii

18 Dhalachuun Iisaa Al-Masiihii akkana ture: Haati isaa Mariyaam kaadhima Yuusuf turte; isheenis utuu Yuusuf wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. 19 Yuusuf kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.

20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. 21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."

22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. 23 Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Allaahan nu wajjin jira" jechuu dha.

24 Yuusufis hirribaa dammaqee akkuma malaʼikkaan Gooftaa isa ajajetti Mariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. 25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, "Iisaa" jedhee moggaase.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-